Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee KKMA gaaffii Itiyoophiyaan Waancaa Afriikaa qopheessuuf gaafatte fudhatee akka raggaasu waamicha taasisan

Onkoloolessa 12/2017(TOI)- Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee konfedereeshiniin kubbaa miilaa Afriikaa (KKMA) gaaffii Itiyoophiyaan Waancaa Afriikaa qopheessuuf gaafatte fudhatee akka raggaasu waamicha taasisan.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad kaleessa afeerraa irbaataa hooggantoota olaanoo pirezidaantota Fiifaa fi Koree hojii raawwachiisaa KKMAf masaraa biyyaalessaa guddichatti taasisairratti Itiyoophiyaan Waancaa Afriikaa bara 2029 adeemsifamu qopheessuu nidandeessi jechuunsaanii niyaadatama.

Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee yaa’ii waliigalaa KKMA 46ffaa har’a Hoteela Skaay Laayititti taa’amaa jirurratti Isin Afriikaanonni Baga gara biyya keessan Itiyoophiyaa nagaan dhuftan jedhaniiru.

Itiyoophiyaan kubbaa miilaa Afriikaa keessatti ashaaraa guddaa akka qabduu fi A.L.Atti bara 1957 KKMA wayita hundeeffamu biyyoota hundeessan keessaa tokko ta’uushee ibsaniiru.

Pirezidaantii KKMA kan ta’an Yidnaqaachoo Tasammaa kubbaan miilaa Afriikaa addunyaarratti bakka isaaf malu akka argatu gumaachasaanii taasisuusaanii dubbataniiru.

Itiyoophiyaan biyya jaalattoota kubbaa miilaa miiliyoonota qabdudha jedhaniiru.

Itiyoophiyaan qooda seena qabeessa kubbaa miilaa Afriikaa keessatti qabdu tilmaama keessa galchuun Waancaa Afriikaa A.L.Atti bara 2029  adeemsifamu qopheessuuf gaafachuushee eeraniiru.

Itiyoophiyaan kubbaa miilaatti fayyadamtee kubbaa miilaa Afriikaa guddisuu fi Ispoortiidhaan biyya ijaaruuf akka hojjettu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan waancaa Afriikaa qopheessuuf Istaadiyeemota ijaaraa kan jiranirratti fooyyessa taasisaa akka jirtu himaniiru.

KKMA gaaffii Waancaa Afriikaa qopheessuuf Itiyoophiyaan gaafatte fudhatee akka raggaasu pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015