Yaa’iin waliigalaa idilee KKMA 46ffaa Itiyoophiyaan qopheessite xumurame - ENA Afaan Oromoo
Yaa’iin waliigalaa idilee KKMA 46ffaa Itiyoophiyaan qopheessite xumurame
Onkoloolessa 12/2017(TOI)- Yaa’iin waliigalaa idilee konfedereeshinii kubbaa miilaa Afriikaa (KKMA) 46ffaa Itiyoophiyaan qopheessite murteewwan addaddaa dabarsuun xumurameera.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee dabalatee pirezidaantiin konfedereeshinii kubbaa miilaa Afriikaa Paatriis Mootseeppee fi miseensonni hojii raawwachiisaa KKMA, pirerzidaantiin Fiifaa Jiyaanii Infantiinoo fi barreessaan muummee Fiifaa Maatiyaas Giraafstiroom, federeeshinoonni kubbaa miilaa biyyoota miseensa fi pirezidaantoonni waldaalee kubbaa miilaa qaxanaa akkasumas qaamolee qooda fudhattoota Ispoortii biroon yaa’icharratti hirmaataniiru.
Gabaasonni raawwiin hojii kan waggaa, bajataa, Faayinaansii, odiitii fi koreewwan KKMA garagaraa yaa’ii waliigalaarratti dhihaatanii mariin taasifameera.
Keewwattoota addaddaa shoora yaa’ii waliigalaa, walgahiiwwan koree hojii raawwachiisaa kan waggaa fi Eksipoo KKMA dabalatee danbii ittiin bulmaataa KKMA irratti argaman irratti fooyyessi taasifameera.
Misoomaa fi guddina Kubbaa miilaa Afriikaa cimsuu, bu’a qabeessummaa Afriikaan guddina kubbaa miilaa addunyaarratti qabdu guddisuu, ijaarsa bu’ura misoomaa Ispoortii, baay’ina faayinaansii biyyoonni miseensa KKMA misooma kubbaa miilaaf Ramadan guddisuu kan jedhan yaadota ijoo yaa’ii kanarratti kaafamanidha.
Dabalataanis naamusa Ispoortii, hojmaata badaa dhabamsiisuun bulchiinsa gaarii buusuu fisanyummaa ittisuu dhimmoota ijoo yaa’ii kanarratti kaafamanidha.
Konfedereeshiniin kubbaa miilaa Afriikaa(KKMA) gaaffii Itiyoophiyaan bara 2029 Waancaa Afriikaa qopheessuuf gaafatte fudhatee akka raggaasu pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee yaa’ii kanarratti gaafachuunsaanii niyaadatama.