Gaaffiin Itoophiyaan waancaa Afrikaa keessummeessuuf dhiheessite haala sirna adeemsa hojii CAF'n ni ilaalama. - ENA Afaan Oromoo
Gaaffiin Itoophiyaan waancaa Afrikaa keessummeessuuf dhiheessite haala sirna adeemsa hojii CAF'n ni ilaalama.
Onkoloolessa 12/2017 (TOI) - Gaaffiin Itoophiyaan waancaa Afrikaa keessummeessuuf dhiheessite haala sirna adeemsa hojii CAF'n ni ilaalama jedhan Pireezdaantiin Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) Paatrisi Motsepee.
Yaa'iin Waliigalaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa 46ffaa Itoophiyaan keessummeessite xumuramera.
Pireezdaantiin Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa Paatriis Mootsipee fi hoggantoonni CAF biroon waliin ta'uun Yaa’ii Waliigalaa kana ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Itoophiyaan seenaa kubbaa miilaa Afrikaa keessatti gahee gahee olaanaa akka qabduu fi miseensota hundeesitoota CAF keessaas tokko akka taate Pireezidaantin CAF ibsaniiru.
Itoophiyaan biyya bilisummaa Afrikaa keessattillee shoora olaanaa taphatte ta'uu eeraniiru.
Itoophiyaan waancaa Afrikaa keessummeessuuf gaaffiin dhiheessite yeroo isaakan eeggate akka ta'ees ibsaniiru.
Itoophiyaanonni kubbaa miilaatiif fedhii fi hidhannii isaan qaban guddaa ta'uu kan hubatan ta'uu eeranii; Ispoortiin humna guddaa tokkummaa uummata cimsudha jedhaniiru.
Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad Istaadiyeemii fi bu’uuraalee misoomaa ispoortii Itoophiyaatti hojjetamaa jiran isaan daawachiisuu isaanii fi waan arganittis gammaduu ibsaniiru.
Gaaffiin Itoophiyaan waancaa Afrikaa keessummeessuuf dhiheesitee haala sirna adeemsa hojii CAF'n kan ilaalamu ta'uu himaniiru.
Itoophiyaan Yaa’ii Waliigalaa CAF milkaa’inaan keessummeessuu himanii haala Itoophiyaanoonni itti keessuummaa simatan dinqisiifataniiru.