Jiddugalli Qorannoo Qonnaa Fadis sanyii midhaan Zayitaa fi dheedhii baay'isaa jira.

Onkoloolessa 14/2017(TOI) - Jiddugalli Qorannoo Qonnaa Fadis sanyii midhaan Zayitaa fi dheedhii baay'isaa jiraachuu beeksise.

Daarekatarri Jiddugala kanaa obbo Huseen Habroo TOI'tti akka himanitti; jiddugalichi hojii qorannoo hojjetu cinaatti dhiheesiin sanyii filatamaa akka hin mudannee hojii sanyii midhaanii baay'isuus hojjecha jira.

Keessattuu jiddugalichi sanyii filataamaa duraan jiddugalaawwan birootti bahaan fiduun madaksee sanyicha baay'isuun qonnaan bultoota biraan gahuurratti gaheesa bahachaa jirachuu himaniiru.

Jiddugalli qorannoo Fadis yeroo ammaa sanyii loozii fi Atooboonsituu akkasuma jiddugala qorannoo biraatti kan hojjetaman sanyii boloqqee fi Saliixaa ooyiruu jiddugalichaarratti hojiin baay'isuu hojjetama jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015