Sosochiin waltajjii Itiyoo Kooders sadarkaa naannootti magaalaa Walaayittaa Sooddootti adeemsifame - ENA Afaan Oromoo
Sosochiin waltajjii Itiyoo Kooders sadarkaa naannootti magaalaa Walaayittaa Sooddootti adeemsifame
Onkoloolessa 18/2017 (TOI)- Sagantaan Sosochii waltajjii Itiyoo Kooders sadarkaa naannootti Bulchaan bulchiinsaa naannichaa Xilahun Kabbadaa bakka argamanitti magaalaa Walaayittaa Sooddootti adeemsifame.
Obbo Xilahun Kabbadaa waltajjicharratti akka jedhanitti, fayyadamummaa dinagdee dijitaalaa dargaggootaa, carraa hojii uumuu fi paabiliik sarvaantii ga’umsa qabu ijaaruun faayidaa olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Dargaggeessi, hojjetaan mootummaa fi hooggansi carraa inisheetiiviin Itiyoo koodarsi uumetti fayyadamuun ga’umsa dijitaalaa guutuu horachuun addunyaarratti dorgomaa ta’uuf leenjicha fudhachuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Sadarkaa naannootti Walitti qabaan koree Stiriingii sagantichaa ittaanaan bulchaa naannichaa fi hoogganaan biiroo carraa hojii uumuu fi Intarpiraayizootaa obbo Gabramasqal Caalaa hooggansi hundi akkasumas koreewwan Stiriingii hojmaata sagantichaaf sadarkaan gurmaa’an hojii bu’a qabeessa hojjechuu akka qaban ibsaniiru.
Obbo Mangistuu Bayyanaa waltajjicharratti waraqaa marii dhiheessaniin, sagantaa Kanaan naannichatti waggoota sadan darban koodaroota kuma 235 fi bara 2017 ammoo koodaroota kuma 58 fi 754 leenjisuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiruu fi baatii sadan darban koodaroota kuma 23 fi 402 leenjisuun akka danda’ame kaasaniiru.
Dabalataanis raawwii amma ammaatiin ciminaa fi hanqina turan akkasumas dhimmoota fuulduraaf sirraa’uu qaban barreeffama dhiheessaniin agarsiisuusaanii odeeffannoon komunikeeshinii nannichaarraa argame nimul’isa.