Chaayinaan ijaarsa dinagdee dijitaalaa Itiyoophiyaa ittifufiinsan akka deeggartu beeksifte

Onkoloolessa 19 (TOI)-Chaayinaan hojii Itiyoophiyaan dinagdee dijitalaa ijaaruuf hojjechaa jirtuuf deeggarsashee cimsitee akka ittifuftu  beeksifteetti.

Aliibaabbaa Inisheetiiviin Giloobaal dargaggoota lammii Itiyoophiyaa daldala Elektirooniksii hojjetan waliin mari’achaa jira.

Embaasii Chaayinaa Itiyoophiyaatti ministirri kaawunsilarii dinagdee fi dhimma daldalaa Yaang Yihaang wayita kana akka jedhanitti, hojiin Itiyoophiyaan dinagdee dijitaalaa ijaaruuf hojjechaa jirtu jajjabeessaadha.

Kanaaf ammoo Chaayinaan daldala karaa Elektirooniiksii (E-commerce) dabalatee hojiileen ijaarsa dinagdee dijitaalaa Itiyoophiyaan hojjechaa jirtuuf deeggarsa taasiftu ciminaan akka ittifuftu kaasaniiru.

De’eetaan ministira Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Yishruun Alamaayyoo gamasaaniin Itiyoophiyaan ijaarsa dinagdee dijitaalaa milkeessuuf, bu’ura misoomaa, imaammataa fi haallen mijataa biroo uumuushee yaadachiisaniiru.

Akkasumas dargaggoota hojii uuman onnachiisuun, ogummaa dijitaalaa guddisuu fi tumsa cimsuun hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Tumsi Aliibaabbaa waliin uumames dargaggoota Itiyoophiyaaf ogummaa guddisuuf, muuxannoo horachuu fi gabaa addunyaa qaqqabuun Itiyoophiyaa dijitaalaa dhugoomsuuf nigargaara jedhaniiru.

Gorsaan olaanaa Aliibaabbaa Giloobaal Inisheetiiv Daan Liiyuu gamasaaniin Aliibaabbaan sadarkaa irra gaheen Afriikaa akka sumsas Itiyoophiyaatti daldala Elektirooniiksii babal’isuuf deeggarsa akka taasisu ibsaniiru.

Addunyaarratti Sirna daldala hammataa uumuuf dargaggoota hojii uuman leenjisuun, muuxannoo waljijjiiruu fi sektaroota biroon tumsaan hojjechaa akka jiran eeraniiru.

Aliibaabbaa Giloobaal Inisheetiiv Itiyoophiyaatti Akkaadaamii Giloobaal banuuf karoorsuusaa saganticharratti eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015