Tooftaalee odeeffannoo hawaasa bu’uureffatanii fi beekumsoota naannawaa tooftaalee dijitaalaatiin walitti firoomsuun misooma Staatistiiksiif bu’uura-Ittaanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Onkoloolessa 20/2017 (TOI)-Kalaqa mandhalee keessatti tooftaalee odeeffannoo hawaasa bu’uureffatanii fi beekumsoota naannawaa tooftaalee dijitaalaatiin walitti firoomsuun misooma Staatistiiksiif bu’uura jedhan Ittaanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa.

Ittaanaan ministira muummee ergaa karaa fuula marsariitiisaanii dabarsaniin sagantaa baniinsa komishinii Istaatistiiksii Afriikaa saglaffaa mata duree “ dandeettii kalaqaa Afriikaa guddina Staatistiiksiif fayyadamuu” jedhuun har’a jalqabamerratti argamneerra jechuun ibsaniiru.

Staatistiiksii ammayyeessuu fi sirnoota hojmaataa jiran ammayyeessuuf akkasumas cimina akka Afriikaatti akkaataa waloon fayyadamuu dandeenyurratti kan mari’annudha jedhaniiru.

Odeeffannoon qabeenya ummataati kan jedhan ittaanaan ministira muummee, qabeenya kana sirnaan fayyadamuuf sirnoota staatistiiksii ammayyarratti invast gochuu barbaachisa jechuun hubachiisaniiru.

Kanaaf mootummoonni Afriikaa yaada guddaa carraa Afriikaa fuulduraa ijaaruuf taasifamurratti kutannoo qabaachuu qabna jedhan ittaanaan ministira muummee ergaa dabarsaniin.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015