Itoophiyaa dijitaalaa ariifachiisuun dinagdee biyyaa guddisuuf hojjecha jira.

Onkoloolessa 22/2017(TOI) - Itoophiyaa dijitaalaa ariifachiisuun dinagdee biyyaa guddisuuf tekinolojii ammaayyaa haaraa galchuu fi babal'isuurratti hojjecha jiraachuu Itiyoo Telekoom beeksise.

Pirezidaatiin naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Lendaamoo gama isaaniin Itiyoo telekoom biyyaa dorgomtuu tekinolojii dijitaalaa ammayya bakka addunyaan geessee madaaluu fi dinagdee dorgomaa ijaaruu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Tajaajilli neetworkii moobaayilii 5G'n naannoo Sidaamaa magaalaa Hawaasaatti jalqabameera.

Sagantaa jalqabsiisa neetiworkii kun kaleessa galgala kan geggeeffame yoo ta'u sagantaa kanarratti kan argama hoji geggeesituun olaantuu Itiyoo Telekoom tajaajilli netiworkii moobayilii 5G'n tajaajila intarneetii ariitii olaanaa qabu isa dhumaa addunyaan amma irra geessedha jedhaniiru.

Biyyoonni tekinolojii kana hojiirra oolchaanis ammaatti muraasa ta'uu himaniiru.

Itoophiyaan biyyoota kanneen keessa tokko ta'uu himanii; Itiyoo telekoom Finfinneen alatti magaaloota gurguddoo naannoleetti tajaajila kana babal'isaa jira jedhaniiru.

Tajaajilli networkii ariitii qabu kun sirna daldalaa mijeesuu, hojii qonnaa ammayyeesuu fi tajaajila si'ataa kennuuf kan dandeesisudha jedhaniiru.

Waggoota jahan darban kubbaaniyyaan kun tekinolojiiwwan ammaayyaa hedduu gara biyyatti galchuun uummata fayyadamaa taasisuuf hojjecha ture jedhaniiru.

Itoophiyaa dijitaalaa ariifachiisuun dinagdee biyyaa guddisuuf tekinolojii ammaayyaa haaraa galchuu fi babal'isuurratti kubbaaniyyaan kun ammas ciminaan hojjechaa jirachuu beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015