Naannichatti hojiiwwan qulqullina barnootaa mirkaneesuuf dandeesisan hojjetama jiru. - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti hojiiwwan qulqullina barnootaa mirkaneesuuf dandeesisan hojjetama jiru.
Onkoloolessa 23/2017 (TOI) - Naannoo Gambeellaatti hojiiwwan qulqullina barnoota mirkaneesuu fi bu'aa qabxii qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaa fooyyeesuuf dandeesisan hojjetama jirachuu Biiroon Barnootaa naannichaa beeksiseera.
Baratoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kana qoramanis qabxii fooyya'aa galmeesuuf ammuma irraa qophii gahaa taasisaa jirachuu himaniiru.
Hogganaan Biiroo Barnootaa naannoo Gambeellaa obbo Ukuuny Okeeloo TOI'tti akka himanitti; qulqullinni barnootaa jiraachuu dhabuun guddina dinagdee fi hawaasummaarratti dhiibba uumeera jedhaniiru.
Naannichatti bara barnootaa darbe qabxiin qormaata biyyaaleessa kutaa 12ffaa galmaa'e gad aanaa ta'uu eeranii; dameen kun xiyyeeffannoo qaama hundaa kan gaafatudha jedhaniiru.
Kanaaf akka raannootti rakkoo qulqullina barnootaa mudate furuuf biirichi qaamolee qooda fudhatoota waliin ta'uun xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhaniiru.
Keessayyuu imaammata barnootaa haaraa bu'uura godhachuun galteewwan baruu fi barsiisuuf barbaachisaan manneen barnootaaf guutuun qulqulli barnoota mirkaneesuuf xiyyeeffannoon hojjetama jirachuu himaniiru.
Hojiin baruu fi barsiisuus kallatti kaa'ameen sirriin akka raawwatamuuf deeggarsii fi hordoffiin taasifamaafii jirachuu eeraniiru.
Like
Comment
Send
Share