Konfaransiin nageenyaa naannoo Amaaraa magaalaawwan garagaraatti taa’amaa jira - ENA Afaan Oromoo
Konfaransiin nageenyaa naannoo Amaaraa magaalaawwan garagaraatti taa’amaa jira
Onkoloolessa 25/2017(TOI)- Konfaransiin nageenyaa mata duree “nagaan hundaaf, hundi nageenyaaf” jedhuun naannoo Amaaraa magaalaawwan garagaraatti taa’amaa jira.
Gondar, Dabaarq, Matammaa, Marsaa, Dajan, Chaagnii, Maankusaa, Fandiqaa, Lumaamee fi Gindawayin dabalatee magaalaawwan, godinaalee fi aanaalee birootti mariin taasifamaa jira.
Abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, barsiistota, jiraattonni naannawoota garagaraa fi kutaaleen hawaasaa, hooggantoonni godinaa fi bulchiinsonni magaalaa marii kanarratti argamaniiru.
Hirmaattonni konfiransii nageenyaa haala nageenyaa fi tasgabbii haala yeroorratti mari’achaa akka jiru odeeffannoon komunikeeshinii naannichaarraa argame nimul’isa.