Dhaabbileen amantii finxaalesummaa fi yaada qoqqodinsaa dhabamsiisuuf ciminaan hojjechuu qabu.

Onkoloolessa 25/2017(TOI) - Dhaabbileen Amantii addunyaatti qormaata kan ta'e finxaalesuummaa fi yaada qoqqodinsaa dhabamsiisuuf ciminaan hojjechuu akka qaban Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaasee himan.

Ministeerri Nageenyaa Yuunaayitid Arab Emireetiitti kan argamu Yunivarsiitii Namoomaa Mohaammad Bin Zaayid waliin ta’uun konfiraansii idil addunyaa dhaabbilee amantaa Finfinneetti qopheessera.

Sirna banissaa yaa'ichaarratti Pirezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee dabalatee ministira Nageenyaa Binnaalif Andu'aaleem, Chaansilaraa Yuunivarsiitii Namoomaa Mohaammad Bin Zaayid doktar Kaliifaa Mubaarak, abbootii amantii, yaa'ii dhaabbilee amantii Itoophiyaa fi Yuunivarsiitoota irraa hayyoonni hirmaataniiru.

Akkasuma dhaabbileen amantii Afrikaa bahaa, Ruusiyaa, Morookoo fi Afrikaa Kibbaa akkasuma dhaabbileen idil addunyaa fi keessummoonni waamichi taasifameef biroon argamaniiru.

Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillasee yaa'ii kanarratti haasaa taasisaniin dhaabbileen amantii waldanda'uu, waliin jiraachuu fi yaadama waliif yaaduu jabeesuu keessatti gahee guddaa qabu jedhaniiru.

Itoophiyaan biyya amantiiwwan hedduun waldanda'uun keessa jiraan ta'uu isheen addunyaaf fakkeenya taateetti jedhaniiru.

Wayita ammaa addunyaarratti finxaalesummaa fi yaanni qoqqodaminsaa waloon jiraachuurratti balaa ta'aa dhufuu himaniiru.

Dhaabbileen amantii waloon jirachuu fi waldanda'uuratti balaa kan ta'ee finxaalesummaa fi yaada qoqqodinsaa dhabamsiisuurratti cimanaan hojjechuu qabu jedhaniiru.

Yaa'ii kanaanis dhaabbileen Amantii dhimmoota tokkummaa biyyaaleessaa cimsan, rakkoo waloo waloon furuuf haala dandeesisan irratti mari'achuu akka qaban hubachiisaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015