Dijitaalli Itiyoophiyaa akka dhugoomu hojiin nageenya Saayibarii mirkaneessu hojjetamaa jira-bulchiinsa nageenya odeeffannoo intarneetii

Onkoloolessa 25/2017(TOI)-Dijitaalli Itiyoophiyaa akka dhugoomu hojiin nageenya Saayibarii mirkaneessu hojjetamaa akka jiru daarektarri olaantuu adde Tigist Hamiid beeksisan.

Baatiin nageenya Saayibarii idil addunyaa yeroo 5ffaaf kabajamaa jiru har’a Dirree Dawaatti marii paanaaliin kabajamaa jira.

Daarektarri olaantuu bulchiinsa nageenya odeeffannoo Intarneetii adde Tigist Hamiid wayita kana akka jedhanitti, imala Itiyoophiyaa dijitaalaa keessatti nageenya Saayibarii mirkaneessuun filannoo osoo hinta’iin dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti.

Haleellaan Saayibariirratti uumamu kamiyyuu miidhaa akka fidu ibsanii, “xiyyeeffannoon nageenya Saayibariif kenninu xiyyeeffannoo dinagdee dijitaalaaf kenninuu gadi ta’uu hinqabu” jedhaniiru.

Kanaaf bulchiinsi odeeffannoo Intarneetii imala Itiyoophiyaa milkeessuuf nageenya Saayibariif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa akka jiru mirkaneessaniiru.

Kantiibaan bulchiinsa Dirree Dawaa Kadir Juhaar gamasaaniin Dirree dawaa ‘magaalaa Smaart’ gochuuf, imalli dijitaalaa tajaajila si’ataa fi hatattamaa kennuun jalqabame deeggarsa olaanaa nitaasisa jedhaniiru.

Baatiin nageenya Saayibarii mata duree “nageenyi bu’ura misoomaa ijoon, birmadummaa dijitaalaaf” jedhuun Onkoloolessa 1 irraa eegalee Finfinneetti kabajamaa yoo jiraatu ayyaanni kun Finfinnee alatti Dirree Dawaatti  yoo kabajamu kan jalqabaa ta’uun ibsameera.

Af-yaa’iin mana maree bulchiinsa Dirree Dawaa adde Fathiyaa Aden, miseensonni kaabinee bulchiinsichaa fi miseensonni hooggansaa fi ogeeyyonni damee Saayinsii fi Teeknooloojii ayyanicharratti hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015