Itoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii naannawwichaaf gatii guddaa baasteetti.

Onkoloolessa 25/2017(TOI) - Itoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii naannawwichaaf gatii guddaa baasteetti jedhan Daarektarri humna eeggataa Afrikaa bahaa Birgaade jeneraal Paawul Nijimaa.

Daarekatarri humna eeggataa Afrikaa bahaa Birgaade jeneraal Paawul Nijimaa TOI'tti akka himanitti; Itoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii naannawwaa fi ardichaaf gahee olaanaa baatetti jedhaniiru.

Itoophiyaan qindoomina nagaa eegsistootaa dhaabbilee ardichaa fi naannawwichaa waliin ta'uun biyyoonni cimanii akka itti fufan fi nagenyi waaraan isaanii akka mirkanaa'u gahee isheen baate eeraniiru.

Keessatti naannawwaan Afrikaa bahaatti nageenyaa fi tasgabbi fiduuf aarsaa guddaa akka baaste himaniiru.

Nagaa fi tasgabbii Afrikaa bahaa eegsisuun guddinni dinagdee biyyoota akka mirkanaa'uu gaheen biyyoonni qaban gudda ta'uu eeranii Itoophiyaanis gahee ishee bahachuu cimsitee akka itti fuftu gaafataniiru.

Yeroo ammaa walitti bu'insa waloo waloo, itti fayyadama qabeenyaa, galaana diimaa ilaalchisuun mudda jiruun naannawwichi qora yaaddoo nageenya jiran keessatti kan eeramanidha jedhaniiru.

Humne eeggataa Afrikaa bahaa muddama naannawwicha keesa jiru gaaffii biyyootaa bu'uura godhachuun deebii kennuuf qophii ta'uu himaniiru.

Dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbii irratti jijjiirama bal’aa taasisuun dhaabbilee ciccimoo ijaaraa kan jirtu Itoophiyaan kana keessatti gahee guddaa akka taphattu ibsaniiru.

Itoophiyaan shororkeessummaa ittisuu fi nagaa Afrikaa eeguu keessatti dhiibbaa guddaa qabdi kan jedhan immoo ajajaan humna waloo Giddugaleessa Afrikaa Mejar Jeneraal Nidwumunsii Odaas.

Tokkummaa cimsuun humna shororkeessummaa ittisuu danda’u ijaaruun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.

Nagaa fi tasgabbii ardii kanaa eeguun gidduu seenummaa fi hirkattummaa biyya alaa keessaa ba’uuf humna nageenyaa ijaaruun dhimma yeroon kennamuuf akka hin taane qondaaltonni kun himaniiru.

 

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015