Itiyoophiyaan yaa’ii waliigalaa Intarpool 92ffaa kan waggaarratti hirmaachaa jirti

Onkoloolessa 26/2017(TOI)- Jilli Itiyoophiyaa komishinara Jeneraalaa poolisii federaalaa Itiyoophiyaa Dammallaash Gabramikaa’eliin durfamu yaa’ii walii gala Intarpool 92ffaa kan waggaarratti hirmaachaa jira.

Yaa’iin waliigalaa Intarpool 92ffaa kan waggaa Skootlaand Gilaaskoowutti taa’amaa jira.

Jilli Itiyoophiyaa komishinara Jeneraalaa poolisii federaalaa Itiyoophiyaa Dammallaash Gabramikaa’eliin durfamuu fi hoogganaa qorannoo yakkaa waliigalaa poolisii federaalaa Itiyoophiyaa  Zalaalam Mangistee fi hoogganaa qajeelcha Intarpoolii biyyaalessaa gargaaraa komishinaraa Dajanee Baqqalaa of keessaa qabu yaa’ii waliigalaa kanarratti hirmaachaa jira.

Itiyoophiyaa dabalatee hooggantoonni poolisii biyyoota miseensota dhaabbatichaa, hooggantoonni olaanoo f dhaabbileen idil addunyaa garagaraa poolisii waliin tumsaan hojjetan yaa’icharratti hirmaachaa jiru.

Ministirri muummee Yuunaayitid Kingidam Ser keer Staamer biyyoonni miseensa dhaabbatichaa addunyaatti nageenyi akka bu’u tumsaan hojjechuuf carraaqqii taasisaa jiran dinqisiifatanii biyyisaanii deeggarsa Intarpooliif taasiftu ciminaan akka ittifufan ibsaniiru.

Itiyoophiyaan yaa’ii dhaabbatichaa kan waggaa akka qopheessitu Komishinar Jeneraaliin poolisii federaalaa Itiyoophiyaa miseensota Intarpool waliin marii wayita taasisanitti gaafataniiru.

Hooggantoonni dhaabbatichaas yaa’iiwwan Intarpool fuulduraaf taa’aman friikaaf ykn Itiyoophiyaan yaa’icha akka qopheessitu akka mijeessan ibsuusaanii odeeffannoon poolisii federaalaarraa argame nimul’isa.

Gareen jilaa kun oomishtoota meeshaalee poolisiin ittifayyadamu fi teeknooloojii poolisiin ittifayyadanmu oomishanii fi dhaabbilee oomishasaanii yaa’icharratti dhiheessan waliin mari’atera.

Jilli kun yaa’iin cinaatti biyyootaa fi dhaabbilee idil addunyaa waliin walgahii gamlamee akka taa’u ibsameera.

በYaa’ii waliigalaa kan waggaa Kanaan raawwiin hojii dhaabbatichaa akkasumas karoora itti aanuu fi ajandaawwan garagaraarratti mari’atamee murteewwan nidarbu jedhamee akka eegamu eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015