Tumsi tarsimaawwaa Itoophiyaa fi Chaayinaan qaban gama tumsa paartileen illee cimsuuf waliigalteerra gahameera.

Onkoloolessa 26/2017(TOI) - Tumsi tarsimaawwaa haala kam keessattiyyuu hin jijjiramne kan Itoophiyaa fi Chaayinaan qaban gama tumsa paartileen fi Paartiinis cimsuunii itti fufuu waliigalteerra gahamuu Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee walitti dhufeenya uummataa fi adil addunyaa doktar Biqilaa Hurrisaa beeksisan.

Doktar Biqilaan daawwanaan jilli hoggatoota Paartii Badhaadhinaa Chaayinaatti taasisan milkaa'a ture jedhaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa Paartii Koministii Chaayinaa waliin walitti dhufeenya cimaa qabaachuu eeranii; kaayyoon daawwannaa kanaas marii walitti dhufeenya Paartii fi Paartii cimsu taasisuu, waltajjiiwwan muuxannoo waljijjiraa taasisuu fi daawwannaa dirreeti jedhaniiru.

Walatjjiiwwan marii taasifamaniin hojiiwwan rifoomii biyyaaleessa waggoota jahan darban Paartiin Badhaadhinaa taasisee fi bu'aawwan isaan argamsiisan hubachiisuun danda'uu himaniiru.

Paartiin Koministii Chaayinaas rifoormicha kan hubatuu fi milkaa'ina rifoormichaaf deeggarsa taasisuu eeranii; mariiwwan taasifamaniis gara fuula duraatti dameewwan waliin irratti hojjetan adda baafamuu beeksisaniiru.

Paartiin Koministii Chaayinaa fi Paartiin Badhaadhinaa walitti dhufeenya idil addunyaan, ijaarsaan, naamusa paartiin muuxannoo qaban wal jijjiruu himaniiru.

Keessattu muuxannoon Paartiin Koministii Chaayinaa dippilomaasii Paartiin paartilee idil addunyaa 700 waliin qabu kan irraa qooddatamu ta'uu eeranii; miseensoota isaa miliyoona 99 ta'an qindeessee hogganuun karaan inni ittiin biyya jijjire muuxannoon guddaan kan irra argamudha jedhaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa miseensoota isaa miliyoona 15 karaa sirriin qindeesuun riifoormii biyyaaleessaa milkeessaa karaa inni itti dhufen muuxannoo qooduu himaniiru.

Jilli kun turtii Chaayinaatti taasiseen dirree irratti mallattoo ammayyuummaa Chaayinaa hanga bu'aawwan misooma qindaa'aa baadiyaatti hojjetamanii daawwachuu himaniiru.

Daawwannaa dirree kanaan karaa bu'urri ammayyummaa Chaayinaa, Seenaa fi hamabaa ijaarsa seenessaa fi turizimiif oolchaan dinqisiisa ta'uu hubachuu himaniiru.

Paartii cimaa ijaaruu isaaniin guddina damee dinagdee biyyaaf, dippilomaasii fi hawaasummaa fi ijaarsa biyyaaf gahee murteessa bahachuu hubachuus ibsaniiru.

Chaayinaan bakka amma geesse kan geesse karaa yaadama mandhalee, beekumsa fi ammayyummaa dhaloota biyyaan bu'uureffame irra imaaluun ta'uu himanii; yaadama mandhalee ida'amuu Itoophiyaan jalqabdeef barnoota guddaa kan ta'udha jedhaniiru.

Daawwannaa kanaan Paartiin Badhaadhinaa fi Paartiin Koministii Chaayinaa dhimmoota tarsimaawwaa uummatoota biyyoota lamaaniif bu'aa qaban irratti tumsaan hojjechuuf walii galuu himaniiru.

 

 
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015