Faawundeeshiniin Erbaas meeshaalee waldhaansaa fi dawaa toonii 11 tuqaa 5 ministeera fayyaaf deeggarsa taasise - ENA Afaan Oromoo
Faawundeeshiniin Erbaas meeshaalee waldhaansaa fi dawaa toonii 11 tuqaa 5 ministeera fayyaaf deeggarsa taasise
Onkoloolessa 26/2017(TOI)- Faawundeeshiniin Erbaas meeshaalee waldhaansaa fi dawaa toonii 11 tuqaa 5 ministeera fayyaaf deeggarsa taasiseera.
Ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa deeggarsa kana fudhataniiru.
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa deeggarsa Faawundeeshinii Erbaasiin taasise kana tolaan gara biyyaatti fideera.
Ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa akkuma Kanaan duraa Xiyyaarota haaraa wayita galchu deeggarsoota biyya alaatii argaman tolaan fe’ee biyya akka galchu yaadachiisaniiru.
Deeggarsa meeshaalee waldhaansaa fi dawaa faawundeeshiniin Erbaas taasiseef galateeffataniiru.
Hojii raawwachiisaan olaanaa daandii qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasoo daandiin qilleensaa Itiyoophioyaa abbaa Xiyyaara Erbaas A350-100 Afriikaatti kan jalqabaa ta’e kana waan ta’eef Afriikaatti daandii qilleensaa adda duree ta’ee akka ittifufu akka isa taasisu himaniiru.
Daandiin qilleensichaa deeggarsa ministeera fayyaaf taasisu cimsee akka ittifufsiisus ibsaniiru.
Baatiiwwan dhufan Xiyyaaronni Erbaasii dabalataa afur Itiyoophiyaa akka galan hojii raawwachiisaan olaanaa kun eeraniiru.
Pirezidaantiin ittaanaa dame gurgurtaa Erbaas Hadii Akum, Faawundeeshiniin Erbaas deeggarsa ministeera fayyaaf taasisu akka ittifufu ibsuusaanii odeeffannoon ministeera fayyaarraa argame nimul’isa.