Agarsiisni hojii biyyaaleessa 5ffaan baname - ENA Afaan Oromoo
Agarsiisni hojii biyyaaleessa 5ffaan baname
Onkoloolessa 27/2017 (TOI) - Agarsiisni hojii biyyaalessaa 5ffaan Galma Barkumeetti bamaeera.
Agarsiisa kana dhaabbata ''Infomind Solutions'' jedhamu, Ministeera Hojii fi Ogummaa akkasuma Faawundeeshinii MasterCard tu waliin ta’uun qopheesse jedhameera.
Sirna banisa agarsiisa kanaarratti hoggantoonni hojii mootummaa olaanoon fi keesummoonni affeeraman argamaniiru.
Sirna banisa garsiisa kanarratti kan argaman Ministir deetaan ministira Hojii fi Ogummaa obbo Solomoon Sookaa Itoophiyaan jijjiirama ariifataa keessa jirti jedhaniiru.
Humni namaa misooma biyyaatiif meeshaa ijoo ta’uu ibsuun, kana hammattu bu’uura imaammataa cimaan bulchiins barbaachisaadha jedhaniiru.
Imaammattoonni haala carraa hojii uumuuf mijataniin akka qophaa’uu qabanis eeraniiru.
Agarsiifni ministeerichi qopheesse dhiyeessii fi fedhii walsimsiisuuf gumaacha olaanaa taasisaas jedhaniiru.
Omishaa fi oomishtummaa guddisuuf aadaa hojii cimsuun dhimma yeroon gaafatu ta’uus hubachiisaniiru.
Fayyadamummaa lammiilee guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsanii, waltajjiiwwan akkanaa yeroo yeroon qophaa’uu akka qaban hubachiisaniiru.
Itoophiyaatti Hogganaan Biyyaa Faawundeeshinii Maastarkaard obbo Saamu'eel Yaalow gama isaaniin Faawundeeshinichi hojiilee carraa hojii uumuu Itoophiyaa keessatti hojjetamaa jiru deeggaruu kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Hundeessaa fi hoji gaggeessaa dhaabbata 'Rank Infomind Solutions' kan ta’an Yuusuuf Rajaa gama isaaniin; agarsiisni kun waa’ee carraa hojii uumuu qofa osoo hin taane, rakkoo hoji dhabdummaa Itoophiyaa hiikuu waan barbaachisaan qabatee dhihaachuudha jedhaniiru.
Agarsiisni kun waltajjii hojii barbaaddonni kallattiin hojjechiistota waliin wal arguu fi gitoota hojii duwwaa irratti qacaruu danda’an ta’uu hubachiisaniiru.
Agarsiisa kanarratti hojjechiistonni gara 300 ta’an kan hirmaatan yoo ta’u, carraan hojii kuma 30 ol damee adda addaatiin akka uumamu himaniiru.