Ministirri muummee Giinii Amaaduu Urii Baah sagantaa ashaaraa magariisaa biyyasaaniitti hojeessuuf fedhii akka qaban ibsan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri muummee Giinii Amaaduu Urii Baah sagantaa ashaaraa magariisaa biyyasaaniitti hojeessuuf fedhii akka qaban ibsan
Onkoloolessa 27/2017(TOI)-Sagantaa ashaaraa magariisaa yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin hojeeffamaa jiru Giiniitti hojeessuuf fedhii akka qaban ministirri muummee biyyattii Amaaduu Urii Baah ibsaniiru.
Ministirri muummee Giinii Amaaduu Urii Baah har’a ministira dhimmi alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos waliin dhimmoota gamlamee fi Afriikaarratti mari’ataniiru.
በHaala Kanaan ministirri muummee Giinii Amaaduu Urii Baah sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaatti hojeeffamaa jiru bu’a qabeessa ta’uusaa ibsuusaanii odeeffannoon ministeera dhimmi alaarraa argame nimul’isa.
Sagantaa ashaaraa magariisaa bu’a qabeessa kana biyasaaniitti hojeessuuf fedhii akka qaban ibsaniiru.
Itiyoophiyaan muuxannoo misooma dinagdee fi kanneen biroo qabdu Giiniitti fudhachuuf akka barbaadan ibsuudhaan kanaaf ammoo deeggarsi teekiniikaa akka taasifamuuf gaafachuunsaanii himameera.
Biyyoonni lamaan Kanaan dura dhimmoota hedduurratti kan walii mallatteessan hojiirra oolchuuf tumsaan hojjechuun akka barbaachisus kaasaniiru.
Ministirri dhimmi alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos gamasaaniin Itiyoophiyaan muuxannoo garagaraa qabdu Giiniif qooduuf qophiidha jedhaniiru.
Qabeenyi bishaanii Itiyoohiyaa deebi’ee akka bayyanatu Ashaaraan magariisaa qooda olaanaa bahaa akka jiru ministirichi ibsaniiru.
Daawwannaan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad A.L.Atti bara 2020 Giiniitti tasisan hariiroo seena qabeesa kana sadarkaa olaanaatti kan ceesise ta’uu ministirichi dubbataniiru.
Barreessaa olaanaa dhaabbata gamtaa Afriikaa kan turan Diyaaloo Teelii hariiroo Itiyoo-Giinii keessatti qooda olaanaa akka bahan Ministirri muummee Giinii yaadachiisuunsaanii odeeffannoo kana keessatti ibsameera.