Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa waajjira ittisa yakkaa fi baala balaafamaa ittisuu Dh.M.Gtti daarektara baha Afriikaa Ashiitaa Miitaal waliin mari’atan

Onkoloolessa 28/2017 (TOI)- De’eetaan ministira alaa ambaasaaddar Misgaanuu Argaa waajjira ittisa yakkaa fi baala balaafamaa ittisuu Dh.M.Gtti haaraa kan muudaman daarektara baha Afriikaa Ashiitaa Miitaal waliin mari’ataniiru.

Baha Afriikaatti yaaddoo olaanaa kan uume deeraan ala namoota deddeebisuu, deddeebisuu baala balaafamaa, dawaa sobaa deddeebisuu, meeshaa waraanaa seeraan ala deddeebisuu, daldala kontirobaandii fi maallaqa malaammaltummaan biyyaa baafamu gama ittisuutiin tumsaan hojjechuuf marii Kanaan waliigalteerra gahuunsaanii ibsameera.

Itiyoophiyaan olitti kan ibsamanii fi yakkoota qaxanichatti yaaddoo uuman ilaalchisuun Dh.M.Gtti waajjira ittisa yakkaa fi baala balaafamaa waliin tumsaan hojjechuuf kutannoo akka qabdu ambaasaaddar Misgaanuun mirkaneessaniiru.

Daarektarittiin Ashiitaa Miitaal gamasaaniin Itiyoophiyaa waliin tumsaa fi qindoominaan hojjechuu jechuun qaxanicha qofatti odoo hintaane akka Afriikaatti carraaqqii taasifamu kan gargaarudha jedhan.

Waajjirrisaaniis gama gabbisa dandeettii fi deeggarsa teekinikiin dhaabbileewwan Itiyoophiyaa dhimmichi ilaalu waliin cimsee Akaka ittifufu mirkaneessuusaanii odeeffannoon ministeera alaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015