Boqonnaa murteessaan bu’aan hojiirra oolmaa pirojektii teeknooloojii hurrii roobsisuu(cloud seeding) addunyaarratti biyyoonni muraasni qofti hojjetan milkaa’inaan raawwanneerra-Ministira Dr. Abrahaam Balaay.

Onkoloolessa 28/2017(TOI)- Boqonnaa murteessaan bu’aan hojiirra oolmaa pirojektii teeknooloojii hurrii roobsisuu(cloud seeding) addunyaarratti biyyoonni muraasni qofti hojjetan milkaa’inaan raawwanneerra jedhan Ministirri jallisii fi naannawa gammoojjii  Dr. Abrahaam Balaay.

Ministirichi ergaa karaa fuula marsariitiisaanii dabarsaniin fedhiin teeknooloojii madaqsuu fi hojjechuuf qabnuu fihojiin walitti aansinee hojjennu qabatamaan kan mul’atudha jedhaniiru.
 

Waggoota muraasa dura deeggarsa mootummaa Emereetota Araba Gamtoomaniin hojiirra kan oolee fi boqonnaan murteessaan bu’aan hojiirra oolmaa pirojektii teeknooloojii hurrii roobsisuu(cloud seeding) addunyaarratti biyyoonni muraasni qofti hojjetan milkaa’inaan raawwanneerra jechuun ibsan.

Pirojektiin tumsa bulchiinsa nageenya odeeffannoo Intarneetii fi Inistiitiyuutii miitiyoorooloojii Biyyaalessaa, deeggarsa maallaqaa fi gaggeessummaa ministeera jallisii fi naannawa gammoojjiin hojiirra kan oole boqonnaan jalqabaa teeknooloojii hojjechuu milkaa’inaan xumuramuusaa fi jalqabiinsa boqonnaa lammataa tumsa dhaabbilee hedduu jalqabamuusaa ilaalchisuun kallattii raawwii haaraa keenyeerra jechuun dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015