Walgahiin bulchitootaa fi Komishinaroota daangaa waloo Itiyoophiyaa fi Jibutii 28ffaan Bishooftuutti taa’amaa jira - ENA Afaan Oromoo
Walgahiin bulchitootaa fi Komishinaroota daangaa waloo Itiyoophiyaa fi Jibutii 28ffaan Bishooftuutti taa’amaa jira
Onkoloolessa 28/2017 (TOI)- Walgahiin bulchitootaa fi Komishinaroota daangaa waloo Itiyoophiyaa fi Jibutii 28ffaan nageenyaa fi tasgabbii naannawoota daangaa Itiyoophiyaa fi Jibutii irratti mari’atu Bishooftuutti eegalameera.
Itiyoophiyaan imaammata dippilomaasii fi hariiroo alaa biyyoota ollaaf dursa kennu kan hordoftu waan ta’eef hariiroon gamlamee cimaa fi yeroo dheeraa biyyoota lamaanii agarsiiftuudha.
Itiyoophiyaa fi Jibutiin michooma seena qabeessa bara dheeraaf ture kan qaban yoo ta’u, hariiroon biyyoota lamaanii hariiroo ummataan kan walitti hidhate ta’uu nihimama.
Hariiroo seena qabeessa kana gama hedduun cimsuuf biyyoonni lamaan waliin hojjechaa jiru.
Walgahiin waloo bulchitootaa fi komishinaroota daandaa biyyoota lamaanii naannawa daangaatti nageenya waaraa fi misooma egeree ittifufsiisuuf nidandeessisa.
Walgahiin bulchitootaa fi Komishinaroota daangaa waloo Itiyoophiyaa fi Jibutii 28ffaan nageenyaa fi tasgabbii biyyoota lamaanii egereef ittifufsiisuuf kan taa’amudha.