Beela qolachuuf deebii waloo barbaada - Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahiamd

Onkoloolessa 28/2017(TOI)- Beela qolachuuf deebii waloo barbaada jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahiamd.

Ministirri muummee ergaa fuula marsariitiisaaniin dabarsaniin beela qolachuun deebii waloo barbaada jedhaniiru.

Kanaaf ammoo dhiheessii deeggarsa idil addunyaa wabii nyaataaf oolu, shaakallii beekumsa qooduu daangaa cehu, imaammata walsimaa qaqqabiinsa haqa qabeessaaf oolu akkasumas deeggarsi qonnaan bultootaa fi horiisee bultoota sadarkaa xiqqaarra jiraniif dursa kennu barbaachisaadha jechuun ibsaniiru.

Yaa’ii World Without Hunger wayita xumurru, hirmaattota mariileen fayidaa olaanaa qaban akka milkaa’an  baay’een galateeffadha jedhan ergaasaaniitiin.

 Tarkaanfiin Itiyoophiyaa mukoonni biiliyoona afurtama bakka dhaabamanitti hojiilee jijjiiramaa oomishtummaa guddisan, misooma midhaanii ongee damdamatan, karaa hojiilee  sagantaa # ashaaraa magariisaa hojii qonnaa egereerratti mul’ate  yaa’ii kanarratti dhihaateera jechuun baeeksisaniiru.

Karaa ‘Itiyoophiyaan haa oomishtu' tiin hojii kalaqaa  paarkiiwwan walmakaa industirii qonnaa, guddina galii fi invastimantiiwwan cichuun hojjetaman damee qonnaa addunyaarratti qooda Itiyoophiyaa cimsaniiru jedhan.

Beela qolachuun deebii waloo barbaada. Kanaaf ammoo dhiheessii deeggarsa idil addunyaa wabii nyaataaf oolu, shaakallii beekumsa qooduu daangaa cehu, imaammata walsimaa qaqqabiinsa haqa qabeessaaf oolu akkasumas deeggarsi qonnaan bultootaa fi horiisee bultoota sadarkaa xiqqaarra jiraniif dursa kennu barbaachisaadha jechuun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015