Itoophiyaa fi Hangaariin damee dinagdee irratti tumsa qaban caalaatti cimsuuf waliigalan.

Onkoloolessa 28/2017(TOI) - Itoophiyaa fi Hangaariin damee dinagdee irratti tumsa qaban caalaatti cimsuuf waliigalan.

Ministir deetaan ministira Dhimma Alaa ambaasaaddar Misgaanuu Araggaa Itoophiyaatti ambasaaddara Hangaarii Atilaa Tomaas Kopiniiy waajjira isaanitti simachuun waliin mari'ataniiru.

Qaamoleen lamaanuu walitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsuu kan danda'an dhimmoota gamlameeniirratti fi walitti dhufeenya qaamolee hedduu hirmaachiseerraatti mari'achuu isaanii odeeffannoon Ministeera dhimma alaa irraa argame ni mul'isa.

Marii kanaan Ambaasaaddar Misgaanuu Araggaa Hangaariin Itoophiyaanotaaf carraa barnootaa bilisaa kennuun gahee isheen baate dinqisiifataniiru.

Gara fuula duraatti walitti dhufeenya biyyoota lamaanii gama damee dinagdeen caalaatti cimsuun barbaachisaa ta'uu himanii; Itoophiyaatti kubbaaniyyaawwan Hangaarii qonnaa fi damee albuudarratti akka hojjetan gaafataniiru.

Itoophiyaatti ambaasaaddar Hangaarii Atilaa Tomaas gama isaaniin biyyi isaanii walitti dhufeenya dippilomaasii Itoophiyaa waliin qabdu cimsuuf kutannoo qabdi jedhaniiru.

Hangaariin Itoophiyaa waliin walitti dhufeenya gama daldalaan, investimatiin, ijaarsa dadeettii fi deeggarsa namoomaan qabdu caalaatti cimsuun kan itti fufti jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015