Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad xumuru yaa'ii idil addunyaa ''Aaddunyaa beelarra bilisaa'' irratti dhimmoota ifa taasisan keessaa, - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad xumuru yaa'ii idil addunyaa ''Aaddunyaa beelarra bilisaa'' irratti dhimmoota ifa taasisan keessaa,
Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad xumuru yaa'ii idil addunyaa ''Aaddunyaa beelarra bilisaa'' irratti dhimmoota ifa taasisan keessaa,
Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad beelli dhimma dhuunfaa waan hin taaneef deebii idil addunyaa qindaa'aa fi walirraa hin cine barbaada jedhaniiru.
Yaa'ii idil addunyaa ''addunyaa beelarraa bilisaa'' guyyoota sadiif magaalaa Finfinneetti geggeeffama ture irraatti bu'aawwan murteessoo akka roodmaappiitti tajaajilan afur argamuu himaniru.
Wabii midhaan nyaataaf fandii idil addunyaa hundeessuu ilaalchisuun;
Bu'uuraalee misoomaa jijjirama qilleensaaf hin jilbeeffanne, tekinolojii qonnaa fooyya'oo fi invastimantii sirna nyaataa balaaf hin jilbeeffanne irratti hojjechuuf findii idil addunyaa hundeesuuf kutannoo qabnu mul'ifneerra. Fandiin kun keessattu bakkeewwan bakkeewwan hanqina wabii nyaataaf saaxilamoo ta'aniif baay'ee murteesadha.
Waljijjirraa Tekinoolojii fooyya'ee fi beeksaa ilaalchisuun
Sirna nyaataa gahaa ta'ee ijaaruun qonna jijjirama qilleensaa damdamatuu fi waljijjirraa beekumsa daagaa ce'aa qabannaa oomishaan dura fooyyesanii fi waltajjiiwwan ce'umsa tekinolojiif haala mijeessan uumuuf waliigalleera.
Hammattoo imaammataa fi bulchiinsa cimsuu,
Qaqqabummaa gabaa haqa qabeessaa fi sirna raabsa nyaataa haqa qabeessa ta’e guddisuu akkasuma wabii nyaataa addunyaa galmaan ga’uuf biyyoonni imaammata murteessoo ta'an irratti walhubachuun(waldubbisuu)akka qaban ilaalleerra.
Qonnaan bultoota ooyiruu xiqqaarratti oomishan keessattu dubartoota damee qonnaarratti bobba'aniif deeggarsa taasisuu;
Qonnaan bultoonni qabiyyee lafaa xiqqaa qaban utubaa wabii nyaataa ta'uu isaanii mirkaneesineerra. Kanaaf kutaa hawaasaa qaqqabamummaa gabaa bal'isuun filannoowwan maallaqaa hirmaachisaa dhiheessuu fi dandeetti isaanii ijaaruun hawaasaa isaanii fi addunyaa nyaachisuu akka danda'an gochuu ni dandeenya.
See insights and ads
All reactions:
1111