Hojjettoonni tajaajila oduu Itiyoophiyaa dhiiga arjooman - ENA Afaan Oromoo
Hojjettoonni tajaajila oduu Itiyoophiyaa dhiiga arjooman
Onkoloolessa 28/2017(TOI)- Hojjettoonni tajaajila oduu Itiyoophiyaa dhiiga arjooman.
Hojjettoonni dhaabbaticha dhiiga yoo arjooman kun yeroo 14ffaadha.
Kanneen dhiiga arjooman keessaa hoogganaan wiirtuu oduu obbo Gazzaaheny Warqinaa akka jedhanitti, dhiiga arjoomuun lammiilee hanqinni dhiigaa isaan mudate lubbuunsaanii akka hindarbine baraaruudha.
Dhiiga nuyi arjoomneen lubbuu namaa baraaruun hunda caalaa itti quufinsa hunda caaludha jedhaniiru.
Ittigaafatama hawaasummaa guddaa kana hubachuun hundi kanneen hafanis waan kana akka ittifufan waamicha taasisaniiru.
Gaazexessituun Yeshiimmabeet Dammaqaa yeroo 11ffaaf dhiiga arjoomuushee ibsitee, lubbuu namoota da’umsaa fi sababoota addaddaan dhiigni dhangala’ee baraaruu akka ta’e jetteetti.
Waggoota 10 darbaniif baatii sadi sadiin dhaabbataadhaan dhiiga arjoomaa turuusaa kan ibse ammoo Gaazexessaa Musee mallasaadha.
Dhiignin ani arjoomu lubbuu namootaa waan baraaruuf fuulduras ittinfufa jedheera.
Dhaabbatichatti darektarri dubartootaa fi damee heddumminaa Taaddalech Boggaalaa ogeeyyonni miidiyaa odeeffannoo hawaasaan gahuun cinaatti ittigaafatama hawaasummaa bahuun fakkeenya ta’uu akka qaban kaasaniiru.
Hojjettoonni dhaabbatichaa dhiiga arjoomuu aadaa godhachuun baatii sadi sadiin dhiiga arjoomaa jiru jedhaniiru.
Yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaan gaazexessaa fi komunikeeshinii Dr. Geetaachoo Dinquu leenjii gaazexeessummaa dhaabbatichi kennnaa wayita jiranitti gocha gaarii kanarratti argamuusaanii ibsaniiru.
Fedhiin dhiiga arjoomuu kan ittifufu waan ta’eef gocha gaarii gana cimsuun lubbuu namoota hanqina dhiigaan darbuu danda’uu haabaraarru jechuun ergaa dabarsaniiru.
Tajaajila Baankii dhiigaa ItiyoophiyaarraaYisaaq Yoonaas dhiigni kennaa addaa namoota keessatti uumamaan argamuta’uu eeraniiru.