Yaa'iin fayyaa naannoo Sidaamaa kan waggaa waggaan geggeeffamu gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Yaa'iin fayyaa naannoo Sidaamaa kan waggaa waggaan geggeeffamu gaggeeffamaa jira
Onkoloolessa 29/2017 (TOI) - Yaa'iin fayyaa naannoo Sidaamaa kan waggaa waggaan geggeeffamu magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jira.
Yaa'ii kanarratti Pirezidaantii nnoo Sidaamaa obbo Dastaa Lendaamoo , Af-yaa'ii mana maree naannichaa aadde Faantaayee Kabbadee hogganaa biiroo fayyaa naannichaa doktar Salaamaawit Mangashaa fi hoggantoonni biroon argamaniiru.
Yaa'ichi mata duree "Foyya'iinsa Eegumsa Fayyaa Sadarkaa Duraa Galmoota Misooma itti fufiinsa qabu saffisaan galma ga'uuf" jedhuun gaggeeffamaa jira.
Yaa'icharratti gabaasa raawwii karoora hojiiwwan damee fayyaa keessatti raawwataman irratti mari’achuun dhaabbilee raawwii fooyya’aa galmeessisaniif beekamtiin akka kennamu beekamaadha.