Itiyoophiyaan qabeenya aadaa fi Ispoortii qabdu addunyaaf dhiheessuun bu’a qabeessatti jijjiiruu qabdi

Onkoloolessa 29/2017(TOI)- Itiyoophiyaan qabeenya aadaa fi Ispoortii qabdu addunyaaf dhiheessuun bu’aa isaarraa fayyadamtuu ta’uuf cimnaan hojjechuun nibarbaachisa jedhan ministirri aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa.

Ministeerri aadaa fi Ispoortii hooggantoota naannoo fi bulchiinsa magaalaa waliin ta’uun dhimmoota imaammataa fi tarsiimoorratti mari’achaa jira.

Ministirri aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa baniinsa waltajjiirratti akka jedhanitti, Itiyoophiyaan qabeenya aadaa fi Ispoortii qabdu addunyaatti baasuun bu’aa argamurraa fayyadamtuu ta’uuf ciminaan hojjechuutu barbaachisa jedhaniiru.

Walitti bu’iinsa furuu fi nageenya buusuun shoorri artii olaanaadha kan jedhan ministirittiin, artii fi duudhaalee aadaa  biyya beeksisuu fi dhaloota ijaaruuf  akka meeshaa guddaatti fayyadamuu gabbifnee ittifufna jedhaniiru.

Waltajjichi rakkoolee Ispoortii biyyaalessaarra jiran furuuf imaammata Ispoortii keessa deebi’amee fi wixinee labsii Ispoortii, raawwii kurmaana waggaa jalqabaa bara 2017 fi dhimmoota tarsiimoo biroorratti akka mari’atu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015