Mariin Ministiroota sirna saalaa fi dhimma hawaasummaa hooggantoota olaanoo biyyoota Afriikaa murteewwan garagaraa dabarsuun xumurame

Onkoloolessa 29/2017(TOI)- Mariin Ministiroota sirna saalaa fi dhimma hawaasummaa hooggantoota olaanoo biyyoota Afriikaa Finfinneetti taa’amaa ture  murteewwan garagaraa dabarsuun xumurameera.

Miidhaa dubartootarratti raawwatamu ilaalchisuun  waliigalteen gamtaan Afriikaa miidhaa dubartootaa fi shamarran irra gahu dhaabsisuuf dandeessisu walgahichaan walii galameera.

 Ibsa maricha ilaalchisuun dhihaateen hammattichi haqa qaqqabaa taasisuuf, hundi qoodasaa akka bahu abbummaa fi ittigaafatamaa buusuuf deebii hunda galeessa kennuuf akka dandeessisu ibsameera.

Waliigaltichi walgahii hooggantootaaf osoo hindhihaatiin dura akkaataa hojmaata gamtaa Afriikaatiin kutaan seeraa fi imaammataa akka ilaalu waliigaluun ragga’eera.

Biyyoonni miseensa gamtaa Afriikaa hojiirra oolmaa ibsa qajeelfamootaa walqixxummaa sirna saalaa mirkaneessuu ilaalchisee gabaasni 2023 dhihaateera.

Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni miseensa gamtichaa yeroo qabaneefitti gabaasa kan dhiheessan yoo ta’u biyyoonni biroos gabaasa akka dhiheeessan gaafatameera.

Walgahichi mirgaa fi ittigaafatamummaa mirkaneessuuf kan kaayyeffate ibsa fi sagantaa raawwii Beejiing gabaasa Afriikaa akkasumas ejjennoo waloo Afriikaa walgahii komishinii dhimma dubartootaa mootummoota gamtoomanii raggaasisuun milkaa’inaan xumurameera.

Teessoo Afriikaa komishinichaa taatee kan filatamte Itiyoophiyaan ejjennoo Ardichaa beeksisuu fi biyyoota miseensaa qindeessuun qoodashee akka baatu waltajjicharratti ibsamuusaa odeeffannoon ministeera dhubartootaa fi dhimma hawaasummaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015