Chiiliin sochii Afrikaatti taasiftuuf Itoophiyaa michuu ijoo taasifachuu barbaaddu beeksifte.

Onkoloolessa 29/2017 (TOI) - Chiiliin hariiroo Itoophiyaa waliin qabdu cinaatti sochii Afrikaa keessatti taasiftuuf Itoophiyaa michuu ijoo ishee taasifachuu alla barbaadduu Itti aantuun Ministira Dhimma Alaa Chiilii Gilooriyaa dee Lee Foontee Gonzaleez beeksisan.

Ministir deetaan ministira Dhimma Alaa amabaasaaddar Misgaanuu Araggaa itti aantuu Ministira Dhimma Alaa Chiilii

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa Ityoophiyaa daawwatan Deettaan Ministira Dhimma Alaa Chiilii Gilooriyaa dee Lee Foontee Gonzaleez waliin mari'ataniiru.

Marii isaaniin Itoophiyaatti guddina ariifataa fi riifoormii diinagdee gooroo damee dinagdee galmaa’aa jiru akkasuma dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii naannawwaa fi ardiirratti hojjetama jiru irratti ambaasaddar Misgaanuun ibsa taasisuufin himameera.

Dameewwan qonnaa fi albuudaa damee diinagdee Itoophiyaan xiyyeeffannoon irratti hojjecha jirtu ta'uu ibsaniiru.

Ambaasaaddar Misganuun Chiiliin damee qonnaa fi albuudaa isheetiin beekamtuu akka taate ibsuun, Itoophiyaan muuxannoo ishee irraa qoodachuu akka barbaaddu ibsaniiru.

Kanaafis gareen daldalaa fi invastimantii Chiilii Itoophiyaa akka daawwatan waamicha taasisaniiru.

Itti aantuun ministira Dhimma Alaa Chiilii Gilooriyaa de Le Foontee Gonzaalez gama isaaniin biyyi isaanii hariiroo Itoophiyaa waliin qabdu daran cimsuu akka barbaaddu mirkaneessaniiru.

Chiiliin hariiroo biyyoota lamaanii qofaa osoo hin taane sochii Afrikaa keessatti hojjettuuf Itoophiyaa michuu ijoo ishee taasifachuun akka hojjetu himaniiru.

Mariin siyaasaa gam lamee biyyoota lamaaniin bara darbe gaggeeffame walitti dhufeenya kana gama hedduu irratti xiyyeeffachuuf gahee olaanaa akka taphate yaadachiisaniiru.

Qaamoleen lamaanuu dhimmoota Itoophiyaa fi Chiiliin karaa walta’iinsa Kibbaa fi Kibbaatiin caalaatti walitti dhiyeenyaan hojjechuu danda’an irrattis mari’ataniiru.

Odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa irraa argame akka mul’isutti Itoophiyaa fi Chiiliin bara dhufu waggaa 80ffaa hariiroo dippilomaasii isaanii waliin kabajuuf waliigalaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015