Dandeettin balallii, leenjii fi suphaa humna qilleensaa Itiyoophiyaa kan muuxannoon irraa fudhatamudha - ENA Afaan Oromoo
Dandeettin balallii, leenjii fi suphaa humna qilleensaa Itiyoophiyaa kan muuxannoon irraa fudhatamudha
Onkoloolessa 29/2017 (TOI)-Dandeettin balallii, leenjii fi suphaa humna qilleensaa Itiyoophiyaa dhaabbata muuxannoon irraa fudhatamu akkasumas ogeeyyota Afriikaa damee kanaatiif deeggarsi ogummaa kan irraa argamu ta’uusaa pirezidaantiin Seraaliyoon Juuliyees Maadii Baayoo dubbatan.
Pirezidaantiin Seraaliyoon Juuliyees Maadii Baayoo fi ministirri muummee Giinii Amaaduu Urii Baah kaleessa korporeshinii injiinariingii ittisaa fi humna qilleensaa Itiyoophiyaa daawwataniiru.
Ajajaan olaanaa humna qilleensaa Itiyoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa hooggantoota biyyoota lamaanii simataniiru.
Ministirri ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad, ministirri qonnaa Dr. Girmaa Amantee fi hooggantooonni humna qilleensaa daawwanniharratti argamaniiru.
Pirzidaantiin Seraaliyoon Juuliyees Maadii Baayoo daawwanicha ilaalchisuun ibsa kennaniin, hojiin Itiyoophiyaan sektara kanarratti hojjechaa jrtu kan muuxannoon irraa fudhatamu ta’uu kaasaniiru.
Dandeettii balallii humna qilleensaa qofa osoo hinta’iin hojiiwwan leenjii fi suphaanis dandeettii guddaa akka qabdu daawwannichaan hubachuusaanii himaniiru.
Muuxannoon humni qilleensichaa horatee fi sadarkaan guddinaa amma irra gahe ogeeyyonni Afriikaa sektara kanaa leenjii argachuuf carraa kan uume ta’uusaa dubbataniiru.
Ministirri ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad gamasaaniin, akkaataa gaaffii hooggantoota kanneeniin dhaabbilee lamaan akka daawwatan taasifamuu eeraniiru.
Jijjiirama dhufe irraa ka’uun xiyyeeffannoo mootummaan riifoormii nageenyaa fi tasgabbiif kenneen humna qilleensaa dhaloota boonsu ijaaramuunsaa hoogantootaaf ibsameera jedhan.
Daawwannaan hooggantootaa kun Itiyoophiyaan muuxannoo qabdu biyyoota michootaaf qooduuf kutannoo akka qabdu ibsanii, agarsiiftuu fedhii waliin badhaadhuuf qabduu akka ta’e kaasaniiru.
Ajajaan olaanaa humna qilleensaa Itiyoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa gamasaaniin, waggoota jahan darban riifoormiiwwan hedduun humna qilleensaa keessatti taasifamaa turuu eeraniiru.
Keessumaa ijaarsa humna namaa, bu’ura misoomaa waraanaa, teeknooloojii fi walumaa gala humna qilleensaa Itiyoophiyaa madaalu gama ijaaruutiin hojiiwwan jajjabeessoon hojjetamuu himaniiru.
Kun ammoo dandeettii qophaa’ummaa biyyattii waliigalaa cimsuu kan dandeessisu ta’uusaa eeraniiru.