Walgahiin waloo bulchitoota daangaa fi komishinaroota Itiyoo-Jibutii 28ffaan xumurame - ENA Afaan Oromoo
Walgahiin waloo bulchitoota daangaa fi komishinaroota Itiyoo-Jibutii 28ffaan xumurame
Onkoloolessa 29/2017(TOI)-Walgahiin waloo bulchitoota daangaa fi komishinaroota Itiyoo-Jibutii 28ffaan guyyoota lamaaf Finfinneetti taa’amaa ture marii gufuuwwan furuu fi hariiroo caalaatti cimsuu dandeessisu adeemsisuun xumurameera.
Gaggeessituun jila bulchitoota daangaa fi komishinaroota Itiyoo-Jibutii 28ffaa daarektarri olaantuu Immigireeshinii fi tajaajila lammummaa adde Salaamaawiit Daawit,dhimmoota biyyoota lamaan caalaatti fayyadurratti waliin hojjechuuf waliigaluusaanii ibsaniiru.
Barreessaan olaanaa Ministeera dhimma biyya keessaa Jibutii የSulemaan Mu’aamiin gamasaaniin, walgahichi dhimmoota tarsiimawaarratti xiyyeeffachuun marii gadi fageenyaa taasisuusaa eeraniiru.
Dhimmoota tumsaa dinagdee fi Siyaasa, akkasumas geejjibaa fi lojistiiksii caalaatti cimsuuf waliigaluusaanii ibsuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isa.