Seerota fayyadama lammiilee mirkaneessuuf gargaaran qopheeffamaa fi fooyyeffamaa jira

Onkoloolessa 29/2017(TOI)- Finfinneetti Seerota fayyadama lammiilee mirkaneessuuf gargaaran qopheeffamaa fi fooyyeffamaa akka jiru biiroon haqaa magaalaa Finfinnee beeksise.

Ittigaafatamaan biiroo haqaa magaalaa Finfinnee Taklee Bazzaabih TOIf akka ibsanitti waggaa darbee eegalee bulchiinsi magaalaa Finfinnee hojii riifoormii fi ijaarsa dhaabbilee xumuree dhaabbilee hedduu hojii jalqabsiiseera.

Ijaarsi dhaabbilee kan dhugoomu seeraa fi qajeelfama hojmaataan ta’uu eeraniiru.

Riifoormii dhaabbileen hojjetan irratti hundaa’uun hammattoowwan sera haaraa qopheessuu fi kan turan fooyyeffamaa akka jiran dubbataniiru.

Haala Kanaan sirnoota hojmaataa dhaabbilee bulchiinsa magaalichaa jala jiranii ammayyeessuu fi fooyyessuuf hammattoowwan seeraa, dambiiwwanii fi qajeelfamoota hojmaataa qorannaarratti hundaa’an bal’inaan qophaa’aa jiru jedhan.

Akka Kanaan baatiiwwan sadan darban dhaabbileen gaaffii seerri haaraan akka wixinaa’uuf gaafataniin fooyyessoonni seeraa sadii fi qajeelfamni hojmaata seeraa haaraa 18 qophaa’uusaa beeksisaniiru.

Seerota bahan hundi akka hubatu karaa maxxansaa, dijitaalaa fi miidiyaalee fi waltajjii uumuun akka hubataman hojjetamaa akka jiran kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015