Itiyoophiyaa fi Ruusiyaan hariiroo gamlamee caalaatti cimsuuf akka hojjetan ibsan

Onkoloolessa 30/2017(TOI)- Itiyoophiyaa fi Ruusiyaan hariiroo gamlamee caalaatti cimsuuf akka hojjetan beeksisan.

Yaa’iin ministirootaa jalqabaa tumsa Ruusiyaa-Afriikaa Ruusiyaa magaalaa Saachiitti har’a nijalqabama

Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos yaa’icha dura ministira dhimma alaa Ruusiyaa Sargee Laavroov waliin mari’ataniiru.

Ministiroonni dhimma alaa kunneen dhimmoota gamlamee, qaxanaa fi idil addunyaarratti yaada waliiqoodaniiru.

Tumsa gamlamee Itiyoophiyaa fi Ruusiyaa  caalaatti gabbisuu fi dandeettiiwwan hariiroo dinagdee guddisan fayyadamuuf waliigalaniiru.

Yaa’iin ministirootaa jalqabaa tumsa Ruusiyaa-Afriikaa Ruusiyaa har’aa fi boru Ruusiyaa magaalaa Saachiitti akka taa’amu odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015