Yuunivarsiitiin Maqalee barattoota sagantaalee garagaraan leenjise kuma lamaa ol eebbisiisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Yuunivarsiitiin Maqalee barattoota sagantaalee garagaraan leenjise kuma lamaa ol eebbisiisaa jira
Onkoloolessa 30/2017(TOI)- Yuunivarsiitiin Maqalee barattoota sagantaalee barnootaa digirii jalqabaa, lammaffaa fi sadaffaan barsiise kuma 2 fi 811 har’a eebbisiisaa jira.
Kanneen keessaa gameewwan waldhaansaa, Injiinariingii, saayinsii Uumamaa fi teeknooloojii odeeffannoon kan baratan ta’uu odeeffannoon rejistiraarii Yuunivarsiiticharraa argame nimul’isa.
Eebbifamtoota keessaa kuma 1 fi 950 digirii jalqabaan kan eebbifaman yoo ta’u, kan hafan digirii lammaffaa fi sadaffaa kan baratanidha.
Dabalataanis eebbifamtoota keessaa dhibbantaan 28 dubartootaa akka ta’an beekameera.