Bulchiinsa magaalichaatti yakka dursanii ittisuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuurratti hojiin milkaa'an hojjetameera. - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsa magaalichaatti yakka dursanii ittisuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuurratti hojiin milkaa'an hojjetameera.
Onkoloolessa 30/2017(TOI) - Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti yakka dursanii ittisuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuurratti hojiin milkaa'an hojjetamuu Komishinarri komishiinii Poolisii Finfinnee Geetuu Argaaw beeksisan.
Poolisiin magaalichaa hoggantootaa fi Miseensoota bara 2016 keessa raawwii hojii gaarii galmeessaniifi ergama isaanii bahataniif sagantaa beekamtii kennuu gaggeessaa jira.
Saganticharratti Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Komishinara Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el, Komishinarri Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee Geetuu Argawu argamaniiru.
Poolisiin magaalichaa Nageenya magaalichaa haala amansiisaan eeguuf teeknooloojii fi humna namaatiin of cimsaa jiraachuu komishinar Geetuun himaniiru.
Bara bajataa darbe keessa humnoota farra nageenyaa magaalicha jeequu barbaadaan gargaarsa hawaasaatiin injifachuun akka danda'ame eeraniiru.
Nageenya magaalichaa haala itti fufiinsa qabuu fi amasiisaan eeguun akka danda’ame ibsuun hoggantoota poolisii fi miseensota raawwii hojii gaarii agarsiisan galateeffataniiru.