Dandeettii humna nageenyaa gabbisuu fi hojmaatilee ammayyeessuun nagaa fi nageenya kabachiisuun cimee itti nifufa-Komishinar Jeneraal Dammallaash G/Mikaa’el - ENA Afaan Oromoo
Dandeettii humna nageenyaa gabbisuu fi hojmaatilee ammayyeessuun nagaa fi nageenya kabachiisuun cimee itti nifufa-Komishinar Jeneraal Dammallaash G/Mikaa’el
Onkoloolessa 30/2017(TOI)- Dandeettii humna nageenyaa gabbisuu fi hojmaatilee ammayyeessuun nagaa fi nageenya kabachiisuun cimee itti fufu Komishinar Jeneraaliin poolisii federaalaa Itiyoophiyaa Dammallaash G/Mikaa’el ibsan.
Poolisiin Finfinnee bara 2016 gaggeessitoota poolisii, miseensotaa fi qaamolee dhaabbatichi hojii milkaa’aa akka hojjetu deeggarsa taasisaniif beekamtii fi badhaasa kenneera.
Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, komishinar jeneraaliin poolisii federaalaa Dammallaash G/Mikaa’el, komishinariin poolisii magaalaa Finfinnee Geetuu Argaawu fi hooggantoonni olaanoo federaalaa fi magaalattii saganticharratti argamaniiru.
Komishinar Jeneraaliin poolisii federaalaa Itiyoophiyaa Dammallaash G/Mikaa’el wayita kana akka jedhanitti dhaabbilee poolisii sadarkaan jiran humna namaa ga’oomee fi lijistiksiin ammayyeessuudhaan nagaa fi nageenya biyyaa eegsisuun milkaa’eera.
Qaamoleen nageenyaa sadarkaan jiran qindoomuun fi walhubachuun akkasumas ummata waliin tumsuun nageenyi waaraa fi amansiisaan akka bu’u gochuun akka danda’ame ibsaniiru.
Haala Kanaan daba humnoonni biyya keessaa fi biyya alaa nagaa fi nageenya Iriyoophiyaa fi ummatashee booressuuf hojjechaa jiran fashaleessuun qooda olaanaa bahaa akka jiran eeraniiru.
Poolisiin Finfinnee teeknooloojii fi humna namaan ofcimsuun qaamolee nageenyaa biroo waliin tumsaan hojjechuusaatiin nageenya Finfinnee egereef eegsisuun fakkeenya nageenyaa akka taatu akka taasise kaasaniiru.
Haala Kanaan Finfinneen yaa’iiwwan biyyaalessaa fi idil addunyaa milkaa’inaan keessummeessuu akka dandeessu taasifamuusaa eeraniiru.