Mata duree “sosochiin gahumsa qaamaa badhaadhina hunda galeessaaf” jedhuun Finfinnee naanawoota addaddaattinsosochiin gahumsa qaamaa ummataa(Maas Ispoort) adeemsifamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Mata duree “sosochiin gahumsa qaamaa badhaadhina hunda galeessaaf” jedhuun Finfinnee naanawoota addaddaattinsosochiin gahumsa qaamaa ummataa(Maas Ispoort) adeemsifamaa jira
Sadaasa 1/2017(TOI)- Mata duree “sosochiin gahumsa qaamaa badhaadhina hunda galeessaaf” jedhuun Finfinnee naanawoota addaddaattinsosochiin gahumsa qaamaa ummataa(Maas Ispoort) adeemsifamaa jira.
Paartii Badhaadhinaatti hoogganaan waajjira dame Finfinnee obbo Mogos Baalchaa sosochii Ispoortii kana kutaa magaalaa Ekkaatti jalqabsiisaniiru.
Sosochii maas Ispoortii kutaa magaalaa Ekkaatti adeemsifamaa jiru Kanaan biiroon dargaggootaa fi Ispoortii Finfinnee fi hooggantoonni kutaa magaalaa Ekkaa hirmaachaa jiru.
Akkasumas sosochii gahumsa qaamaa kutaa magaalaa Qirqoositti adeemsifamaa jiru kanarratti jiraattonni aanaalee garagaraarraa walitti dhufan Addababayii Gaazebootti sosochii Ispoortii taasisaa jiru.
Maas Ispoortiin daa’imman, dargaggootaa fi ga’eessota hirmaachise kun ganama sa’aatii 12 irraa kaasee adeemsifamaa jira.