Ministirri Dhimma Alaa doktar Gede'oon Ximootewoos Ministiroota dhimma alaa biyyoota adda addaa waliin mari'atan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Dhimma Alaa doktar Gede'oon Ximootewoos Ministiroota dhimma alaa biyyoota adda addaa waliin mari'atan
Sadaasa 2/2017(TOI) - Ministirri Dhimma Alaa doktar Gede'oon Ximootewoos Ministiroota Dhimma Alaa Naamiibiyaa, Giinii, Angoolaa fi Rippabilika dimookiraatik Koongoo waliin mari'atan.
Yaa'iin tuma ministiroota Ruusiyaa - Afrikaa kan jalqabaa Ruusiyaa magaalaa Sochiitti geggeeffama jira.
Ministirri Dhimma Alaa doktar Gedee'oon Ximootewoos yaa'ii kana cinaatti ministiroota dhimma alaa biyyoota adda addaa waliin dhimmoota gamlamee, naannawwaa aardii fi idil addunyaarratti mari'achaa jiru.
Haaluma kanaan ministira dhimma alaa Naamiibiyaa doktar Peyaa Musheeleengaa, Ministira dhimma alaa Giinii Mursaandaa Kuyaatee, minisitira dhimma alaa Angoolaa Terees Kaaykiiwambaa Wagiinaar waliin mari'ataniiru.
Mariin kunis dhimmoota waloo fi tumsa naannawwa cumsuu irratti kan xiyyeeffate ta'uu odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul'isa.