Itiyoo telekoomii fi bulchiinsi magaalaa Bishooftuu Smaart Bishooftuu dhugoomsuuf waliigaltee mallatteessan - ENA Afaan Oromoo
Itiyoo telekoomii fi bulchiinsi magaalaa Bishooftuu Smaart Bishooftuu dhugoomsuuf waliigaltee mallatteessan
Sadaasa 2/2017(TOI)- Itiyoo telekoomii fi bulchiinsi magaalaa Bishooftuu Smaart Bishooftuu dhugoomsuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Hojii raawwachiiftuun olaanaa Itiyoo-Telekoom Fireehiywoot Taammiruu fi Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Bishooftuu Alamaayyoo Asaffaa waliigaltee kana mallatteessaniiru.
Hojii raawwachiiftuun olaanaa Itiyoo-telekoom Fireehiywoot Taammiruu wayita kana akka jedhanitti, pirojektiin Smaart Bishooftuu kilaawudii, jiddugaleessa bilbilaa, jiddugaleessa daataa, Intarneetii si’aayinaa fi qulqullina qabu, optikaal faayibarii fi bu’uraalee misoomaa dijitaalii biroo ijaaruun magaalattii kan ammayyeessudha jedhaniiru.
Pirojektichi tajaajiloota mana qopheessaa dabalatee barnoota, fayyaa, qonna, geejjiba fi tajaajiloota gibirri ittiin walitti qabamu ammayyeessuuf akkasumas bishooftuu nageenya amansiisaa qabdu dhugoomsuuf shoora olaanaa akka qabaatu dubbataniiru.
Dabalataanis fayyadama furmaatilee dijitaalaa hundagaleessa guddisuun gamatti kafaltiiwwan karaa teelee birrii salphaatti raawwachiisuun bu’a qabeessummaa guddisuuf akka gargaarus akkasuma.
Keessumaa magaalattii bakkee turizimii, industirii fi Invastimantii qabdu guddisuuf qooda guddaa akka qabaatu dubbataniiru.
Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Bishooftuu Alamaayyoo Asaffaa gamasaaniin waliigaltichi qabeenya qabnu sirnaan beeknee faayidaaf oolchuuf kan gargaarudha jedhaniiru.
Sirna kaffaltii, geejjibaa, fayyaa, barnoota walumaa gala tajaajiloota ammayyeessuuf nigargaara jedhan.