Mandarri Beenunaa tuurizimii misooma qonnaan kan walitti qindeesse bakka turizimii  miidhagaadha-Ambaasaaddar Soofii Firoom-Imesberger

Sadaasa 2/2017(TOI)- Mandarri Beenunaa tuurizimii misooma qonnaan kan walitti qindeesse bakka turizimii  miidhagaa ta’uusaa Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri gamtaa Awurooppaa Soofii Firoom-Imesberger ibsan.

Mandarri Beenunaa qarqara haroo Basaqaatti kan argamu kutaalee ciisichaa, galma walgahii, sinimaa, bakka bashannanaa, spa ammayyaa akkasumas misooma muduraa fi dhaala leemataa ofkeessatti kan qabatedha.

Ijaarsi mandarichaa bakkee turizimii ogummaa artii gamoo aadaa ijaarsa gamoo ammayyaan waliin qindeessee  qabachuun misooma hawataa hawaasa naannawaaf  humna turizimii dabalataa kan uumedha.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mandaricha eebbisanii wayita banan ergaa dabarsaniin, mandarri Beenunaa nidanda’ama kan jedhami ija keenyaan kan itti arginedha jechuun ibaniiru.

Bakkichatti kan argaman Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri gamtaa Awurooppaa Soofii Firom-Imesberger, naannichi qabeenyi uumamaa fi nam tolchee walta’uun miidhagina kan kennaniif bakkee dinqisiisaadha jedhaniiru.

Oomisha kuduraa fi muduraa mandara Beenunaatti misoome dabalatee ibsituu misooma egeree hojiileen qonnaa gochuun kan fudhataman ta’uu ibsaniiru.

Qilleensawaa kan ta’e mandarri Beenunaa tuurizimiif mijataa akka ta’e kaasaniiru.

 Mandarichi misooma Burtukaanaa, Loomii Paappaayaa fi maangoo akkasumas horsiisa Lukkuu, Gaala, loonii fi Re’ee waliin makuun waan qabateef bakka bashannanaarra darbee muduraa fi misooma dhaala leemataa walitti hidhuun barumsi kan irraa fudhatamu ta’uunsaa ibsameera.

Tumsa mootummaa Itiyoophiyaa, damee dhuunfaa fi Emereetota Araba Gamtoomaniin ijaaramee kan eebbifame mandara Beenunaa Hoteelli Skaayi laayiti akka bulchu ittigaafatamni kennameeraaf.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015