Yaa'iin jijjiirama qilleensaa idil-addunyaa Itoophiyaan irratti hirmaatte Azarbaajaanitti gaggeeffamuu eegale

Sadaasa 2/2017 (TOI) - Yaa'iin Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (COP 29), kan Itoophiyaan irratti hirmaatte, magaalaa guddoo Azarbaajaan Baakuutti taa'amuu eegaleera.

Yaa'iin kun hanga aaraa qilleensatti gad lakkifamuu hiri'isuu, dandeettii faayinaansii jijjiirama qilleensaa cimsuu akkasuma jijjiirama qilleensaa karaa itti fufiinsa qabuun hiri'isuu irratti xiyyeeffata taa'ama jedhamee eegama.

Yaa'iin COP29 bara kanaa mata duree "Together for a Green Earth" jedhuun gaggeeffamaa jira.

Itoophiyaan yaa'ii kanarratti hirmaachaa kan jirtu yoo ta’u, hojii eegumsa haala qilleensaa irratti hojjechaa jirtuu tumsaa fi deeggarsa barbaaduuf itti fayyadamti jedhamee eegama.

Inishiyeetiiviin Misooma ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa keessattuu hojii qonnaa, ikootuurizimii fi anniisaa haaromfamuu danda’u irratti hojjetamaa jiru haala qilleensaa itti fufiinsa qabu eeguuf gumaacha guddaa akka taasisu beekamaadha.

Kanaaf Itoophiyaan lafa bosonnni irraa cirame irra deebiin misoomsuu fi itti fayyadama lafaa itti fufiinsa qabuu irratti hojii kutannoon hojjette yaa'ii kanarratti akka muuxannootti ni dhiheesiti jedhameera..

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015