Bulchiinsi magaalaa Finfinnee  raawwii hojii kurmaana waggaa bara 2017 qorachuu eegale

Sadaasa 3/2017(TOI)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee  raawwii hojii kurmaana waggaa bara 2017 qorachuu eegaluusaa waajjirri kantiibaa beeksise.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee waltajjicharratti haasawa baniinsaa taasisaniiru.

Akkaataa karoora keenya itti rraawwanne, cimina keenya itti fufsiisaa hojiilee hanqina qaban gadi qabnee qorachuu qabna jedhan haasawasaaniin.

Hanqinoota numudatan duguugnee qorachuun keenya madda cimina keenyaa keessaa isa tokkodha jechuun dubbachuunsaanii odeeffannoo Kanaan ibsameera.

Haala Kanaan hojmaata badaa, hanna, matta’aa nyaachuu fi hanqina tajaajila kennuurratti mul’ate furuun hooggansi hundi magaalaa jiraattotaaf mijattuu taate ijaaruuf karooraa fi raawwiisaa akkasumas akkamittan ittigaafatama koo bahe jedhee በqorachuu qaba jechuunsaanii eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015