Hospitaalichi naannawwichatti uummanni dhamaatii malee tajaajila waldhaansa fayyaa akka argatu taasiseera.

Onkoloolessa 3/2017(TOI) - Hospitaalli waliigalaa mana barnootaa Yuunivarsiitii Arbaamincii naannawwichatti uummanni dhamaatii malee tajaajila waldhaansa fayyaa akka argatu taasisuu beeksise.

Yuunivarsiitii Arbaaminicitto diiniin koolleejjii saayinsii fayyaa doktar Dastaa Ganchaa TOI'tti akka himanitti; Hospitaalichi Agayyaa 29/2016 irraa eegalee tajaajila kennaa jira.

Hospitaalli kun sireewwan 600 ol kan qabuu fi balaawwan tasaa dabalatee waldhaansa fayyaa sadarkaa ispeeshaalitii fi sab ispeeshaalitiin kennaa akka jiru himaniiru.

Kanaas ijoodhaan tajaajila siitii iskaanii, MRI, FI dijitaal Eksireey kennaa jiraachuu himaniiru.

Hospitaalichi erga hojii jalqabee hawaasaaf gatii madaalawwaan tajaajila kennuun dhibbaa hawaasarra jiru salphisuufii danda'uu eeraniiru.

Hospitaalli kun guyyaatti qorannoo siitii iskaanii 20 hanga 30 akkasuma tajaajilamtoota hanga 50 ta'aniif immoo tajaajila exsireey kennaa jira jedhaniiru.

Kunis hawaasni naannawwaa isaatti tajaajila waldhaansa fayyaa fooyyee qabu akka argatu taasiseera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015