Hojii biyya keessaa babal’isuurra darbee carraa idil addunyaa duguuguun fayyadamuuf xiyyeeffannoon nihojjetama - ENA Afaan Oromoo
Hojii biyya keessaa babal’isuurra darbee carraa idil addunyaa duguuguun fayyadamuuf xiyyeeffannoon nihojjetama
Sadaasa 3/2017 (TOI)- Hojii biyya keessaa babal’isuu fi ammayyeessuurra darbee carraa idil addunyaa duguuguun fayyadamuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu ibsame.
Raawwii Eksipoo hojii biyyaalessaa 5ffaa fi kallattii fuulduraarratti mariin taasifameera.
Ministirri hojii fi ogummaa Mufariyaat Kaamil fi de’eetaan ministiraa hojii, hojiitti galchuu fi damee gabaa obbo Salamoon Sokkaa dabalatee hooggantoonni hojii sadarkaa doot koom fi Itiyoo Joobsi maricharratti argamaniiru.
Hojiileen bu’a qabeessummaa dhaabbilee fi sektaroota qacartootaa fi hojii barbaaddota guddisan waalitti fiduun cimsuun itti fufsiisuun akka barbaachisu himameera.
Dhimmoonni dirree kalaqaa bal’isuu dandeessisan marii kanarratti bal’inaan dhihaataniiru.
Haala Kanaan hojiileen bu’a qabeessummaa dhaabbilee fi sektaroota qacartootaa fi hojii barbaaddota guddisan waalitti fiduun cimee akka itti fufu eerameera.
Hojii biyya keessaa babal’isuu fi ammayyeessuun gamatti sadarkaa idil addunyaatti damee hojii hojii fageenyaa dabalatee carraalee dameelee addaddaan jiran duguuguun fayyadamuuf akka hojjetamu ibsameera.
Haala Kanaan sektarri dhuunfaan qoodasaa akka bahu dandeessisuu, carraaqqiin hudhaalee furuun fi haallen mijataa uumuun lammiileen fayyadamoo carraa hojii mijataa gochuuf jalqabaman cimanii akka ittifufan ibsamuunsaa odeeffannoon ministeera hojii fi ogummaarraa argame nimul’isa.