Ogeeyyonni Artii gumaacha ijaarsaa fi guddina biyyaaf taasisan caalaatti akka ittifufan gaafatame. - ENA Afaan Oromoo
Ogeeyyonni Artii gumaacha ijaarsaa fi guddina biyyaaf taasisan caalaatti akka ittifufan gaafatame.
Sadaasa 3 /2017(TOI)- Ogeeyyonni Artii gumaacha ijaarsaa fi guddina biyyaaf taasisan caalaatti akka ittifuu akka qaban ministirri aadaa fi ispoortii Shawiit Shaankaa ibsa.
Ministeerri aadaa fi Ispoortii mata duree “"Artiin misooma hunda galeessaa fi ijaarsa mootummaaf” jedhuun ogeeyyota sektarichaa waliin waltajjii marii qopheessaniiru.
Ministirri aadaa fi ispoortii Shawiit Shaankaa waltajjicharratti akka ibsanitti, seenaa addunyaa keessatti hojiilee biyya tokko guddisanii agarsiisan keessaa artiin kan dursaati.
Biyyoonni badhaadhan sadarkaa guddinarra kan gahan lammiisaanii aartiin waan bocaniifi jedhaniiru.
Itiyoophiyaan sektara Kanaan qabeenya dilbii kan qabdu, uumamaan kan badhaatee fi aadaa hedduu waan qabduuf raawwiiwwan aartiif mijattuudha jedhaniiru.
Kanaaf hawaasa hojiiwwan aartiidhaan bocuun Itiyoophiyaa badhaate uumuuf qoonni ogeeyyonni sektarichaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Mootummaanis waggoota jahan darban sektara kana cimsuuf hojiilee addaddaa akka raawwatee fi fuulduras hammattoowwan imaammataa, qorannoo fi qu’annoo gochuun damee kana guddisuuf nihojjetama jedhan.