Waajjiraaleen sharafa alaa dhuunfaa hojii jalqabuun isaanii dameen faayinaansii dorgomaa ta’e akka uumamu taasisa.

Sadaasa 3/2017 (TOI) - Baankii Itoophiyaatti waajjiraaleen sharafa alaa dhuunfaa banamuun damee faayinaansii dorgommii irratti hundaa’e akka guddatu taasisa jedhan hoggantoonni waajjira sharafa alaa dhuunfaa.

Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa tajaajila sharafa alaa babal’isuu fi qaqqabummaa isaa dabaluuf qajeelfama baaseen biiroowwan maallaqa dhuunfaa baankii hin taane shan ulaagaa barbaachisaa ta’e guutaniif hayyama kennuun isaa ni yaadatama.

Biiroon sharafa alaa hundi maallaqa biyya alaa fudhatama qabu bituu fi gurguruu akkasuma baankota waliin qindoomuun sharafa alaa al-ergii fi daldala alaa galchiif haala mijeessuun gabaa sharafa alaa biyyattii babal’isuu fi dagaagsuu keessatti gahee akka qaban qajeelfama kana keessatti eeramee jira.

Hoggantoonni biiroo sharafa alaa dhuunfaa TOI dubbise; fooyya'insa diinagdee gooroo hordofuun jijjiiramni damee faayinaansii irratti taasifame filannoo maallaqa alaa argachuu babal’isuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Hoji gaggeessaa dhaabbata Ethio Forex; obbo Efreem Tasfaayee gatiin sharafa alaa gabaan kan murtaa’u ta’uu ibsuun, kunis dinagdee dorgomaa ijaaruuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Carraa fooyya'insichi fide fayyadamuun damee dhuunfa hirmaachisuun tajaajila sharafa alaa fi qaqqabummaa isaa babal’isuuf damicha keessatti hirmachuu jalqabuu himaniiru.

Biiroon sharafa alaa dhuunfaa ibsa gumurukaa malee maamiltoota irraa hanga doolaara Ameerikaa kuma 10 bitachuu kan danda’an yoo ta’u, hayyama gumurukaatiin maallaqa alaa dabalataa bitachuu danda’u.

Baankiin Biyyaalessaas imaltoota dhuunfaa odeeffannoo imala barbaachisu qabaniif hanga doolaara Ameerikaa kuma 5, imaltoota hojiif deemanitti ammoo hanga doolaara Ameerikaa kuma 10 gurguruu akka danda’an ibseera.

Bu’uura kanaan guyyaatti Doolaara Ameerikaa kuma 10 hanga 15 bitaa fi gurguraa kan jiran yoo ta’u gara fuulduraattis tajaajila kana babal’isuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Hayyama sharafa alaa kan biraa kan argate hoji gaggeessaan dhaabbata Robust Business Group kan ta’an Geetuu Mullisaa akka jedhanitti waajjirri maallaqa dhuunfaa yeroo dheeraa keessatti seera qabeessummaa isaa cimsuuf kan gargaaru ta'uu himaniiru.

Carraa fooyya'insa diinagdee gooroo damee dhuunfaaf fide fayyadamuun dinagdee dorgomaa ta’e ijaaruun damichatti makamuu isaaniis eeraniiru.

 

 

 
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015