Bulchaan naannoo Sidaamaa misooma Bunaa aanaalee garagaraa keessatti hojjetamaa jiru daawwachuurratti argamu

Sadaasa 3/ 2017(TOI)-Bulchaan naannoo Sidaamaa Dastaa Leedaamoo Misooma  Bunaa aanaalee garagaraa keessatti hojjetamaa jiru daawwachuurratti argamu.

Obbo Dastaan sochii hojii Bu’aa badagaloo waldaa buna mulquu aanaa Daallee ganda Siffunaatti argamu daawwataniiru.

Bakka bu’aan waldichaa obbo Maarqoos Gabbiisoo, waldichi oomisha Bunaa qabiyyeesaarratti misoomsuu fi qonnaan bultootarraa fudhatu bakkeewwan sadiitti qopheessee buna dhiqame gabaa giddugaleessaaf akka dhiheessu ibsaniiru.

Waldichi namoota 500 caalaniif carraa hojii kan uume yoo ta’u, bara kana buna dhiqame kiiloogiraamii kuma 225 gabaa jiddugaleessaaf dhiheessuuf hojjechaa akka jiru himaniiru.

Daarektarri olaanaa abbaa taayitaa Buna, muduraa fi mi’eessituu naannoo Sidaamaa obbo Masfin Qaarree, bara kana buna dhiqamee fi hindhiqamne toonii kuma 40 caalu gabaa jiddugaleessaaf akka dhiheessu beeksiseera.

Naannichatti qonnaan bultoonni kuma 400 caalan buna misoomsaa akka jiran eeranii, lafa bunaan qabame heektaara kuma 169 keessaa heektaara kuma 142irraatti kan argamu firii kennaa jira.

Bulchaan kun aanaa Daallee malees sochii oomisha bunaa fi aanaa jiddugaleessota hojiin agarsiisuu Alattaa Wandoo nidaawwatu.

Itti waamamaan mootummaa naannichaa obbo Abrihaam Marshaalloo dabalatee miseensonni hooggansaa biroon daawwannaa kanarratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015