Paaviiliyooniin Itiyoophiyaan hojiin ashaaraa magariisaa fi eegumsa naannoorratti hojjechaa jirtu agarsiisu Azarbaajaan Baakuutti baname

Sadaasa 3/2017(TOI)- Paaviiliyooniin Itiyoophiyaan hojiin ashaaraa magariisaa fi eegumsa naannoorratti hojjechaa jirtu agarsiisu yaa’ii ‘COP 29’ Azarbaajaan Baakuutti adeemsifamaa jirurratti pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseen eebbifamee banameera.

Yaa’ii idil addunyaa biyyoonni jijjiirama haala qilleensaa fi gammoojjummaa qolachuuf hojii hojjechaa jiran dhiheessanirratti Itiyoophiyaan paaviliyoonii ashaaraa magariisaa fi eegumsa naannoorratti hojii hojjechaa jirtu agarsiisu banaa taasifteetti.

Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee wayita kana akka jedhanitti, Itiyoophiyaan hojii humna haaromfamu, qonna egeree fi eegumsa bosonaarratti hojjechaa jirtu kaasaniiru.

Haala Kanaan Itiyoophiyaan gaasii faalan gadhiisuu hir’isuu fi hawaasa jijjiirama haala qilleensaaf hin hinsaaxilamne ijaaruuf kutannoo qabdi jedhan.

Dabalataanis addunyaan jijjiirama haala qilleensaarratti xiyyeeffachuudhaan deeggarsa qabatamaa keessumaa biyyoota guddachaa jiraniif akka kennu akka qabu eeraniiru.

Itti fufuunis tumsa idil addunyaa taasisuun gufuulee jijjiirama qilleensaa furuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Keessumaa  furmaata egeree biyyoota Afriikaatti fiduun shoora murteessaa tumsi idil addunyaa qabu hubachiisuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Ministirri pilanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa gamasaaniin,Itiyoophiyaan humna haaromu dhiheessuudhaann wabii nyaataa fi hojii bakkeewwan tuurizimii babal’isuutiin akkasumas biqiltuu dhaabuu fi hojiiwwan ashaaraa magariisaatiin dursuun hojjechaa jirti jedhaniiru.

Gareen jilaa Itiyoophiyaa ‘COP’29 baranaa Azarbaajaan Baakuutti jalqabamerratti hirmaachaa jiru mariiwwan ijoo taasisuun hojii ashaaraa magariisaa fi eegumsa naannoo Itiyoophiyaan hojjachaa jirturratti muuxannoo niqooda jedhamee akka eegamu odeeffannoon ministeera pilaanii fi misoomaa irraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015