Godina Harargee Bahaatti lafa heektaara kuma 130 irratti jallisii boneen Qamadii misoomsuuf hojiitti galameera-Waajjira qonnaa godinichaa - ENA Afaan Oromoo
Godina Harargee Bahaatti lafa heektaara kuma 130 irratti jallisii boneen Qamadii misoomsuuf hojiitti galameera-Waajjira qonnaa godinichaa
Sadaasa 3/2017(TOI)- Godina Harargee Bahaatti lafa heektaara kuma 130 irratti jallisii boneen Qamadii misoomsuuf hojiitti galamuusaa Waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.
Baatii bonaa Qamadii misoomsuuf karoorfamee aanaa Baabbilee waldaa qonnaan bulaa Jaalalleetti meekaanaayizeeshinii fayyadamuun qamadii facaasuun jalqabameera.
Bona kana Qamadii bal’inaan oomishuun wabii nyaataa mirkaneessuu fi carraa hojii dargaggoo bal’isuuf akka hojjetamu ibsameera.
Bulchituun godinichaa adde Miiskii Mahaammad wayita kana akka ibsanitti, misoomni Qamadii godinichatti hojjetamu wagga waggaan dachaan guddachaa dhufeera.
Misoomni Qamadiis wabii nyaataa qonnaan bulaa mirkaneessaa dargaggoota hojicharratti bobba’an galii argamsiisuun fayyadama dinagdee guddisaa akka jiru dubbataniiru.
Humna namaa, bishaan argamuu danda’uu fi lafa sektara qonnaan jiru sirnaan ittifayyadamuun oomisha fooyya’aa argachuuf akka hojjetamu ibsaniiru.
Bulchiinsi godinichaa oomisha Qamadiif xiyyeeffannoo kennuusaa kan dubbatan ammoo ittaanaa hooggana waajjira qonnaa godinichaa obbo Abdii Ahimadi.
Baatii Bonaas godinichatti lafa heektaara kuma 130 irratti Qamadii misoomsuuf karoorfamee hojiin jalqabamuu beeksisaniiru.
Bulchaan aanaa Baabbilee obbo Nuurii Mahaammad gamasaaniin, aanichatti lafa heektaara kuma 3 irratti kilaastaraan Qamadii misoomsuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Qamadii gandoota aanichaa 5 keessatti misoomuuf qonnaan bultoonnii fi dargaggoonni lafa qophaa’erratti facaasaa jalqabuusaanii dubbataniiru.