Naannoo Amaaraatti kaanserii fiixee gadameessaa ittisuuf talaalliin oolu daa'imanii fi shamarraniif duulaan kennamuufi.

Sadaasa 3/2017 (TOI):- Naannoo Amaaraatti Kaanserii fiixee gadameessaa ittisuuf talaalliin daa'imanii fi shamarraniif kennamuuf qophiin taasifama jiraachuu Biiroon Fayyaa naannichaa beeksise.

Talaallii kana kennuf har'a magaalaa Bahaar daaritti qooda fudhatoota waliin mari'atameera.

Talaalliin kun daa’immanii fi shamarran umuriin isaanii waggaa 9 hanga 14 ta’aniif manneen barnootaa fi jiddugalaawwan biroo keessatti duulan kennama jedhameera.

Itti aanaan hogganaa biiroo fayyaa naannichaa obbo Ababee Tasammaa; Kaansariin kun kan dhufu vaayirasii 'human papilloma' jedhamun yoo ta'u, yoo dursa ittisuu baatame dhukkuboota lubbuu namaa galaafatan keessaa isa tokkodha jedhaniiru.

Naannichatti dhukkuba kana ittisuuf kan oolu talaallin Sadaasa 9 hanga 14/2017'tti kan kennamu ta'uu ibsaniiru.

Talaalli kun naannichatti daa'imanii fi shamarraan miliyoona jahaa ol ta'aniif kan kennamu ta'uus eeraniiru.

Dhibee kana ittisuuf talaallii fi wal'aansa kennuun dabaltatti karaa qindaa'een hubannoo hawaasa cimsuun barbaachisaadha.

Milkaa'ina duula kanaaf hunduu tumsa akka taasisu waamicha taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015